Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti calallii taphoota mo’atanii darbuu - ENA Afaan Oromoo
Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti calallii taphoota mo’atanii darbuu
Guraandhala 17/2018(ENA): Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti calalliin tapha mo’atanii darbuu har’a taphoonni deebii Afur gaggeeffamu.
Maanchistar Yuunaayitid Evartaniin mo’achuun sadarkaasaa gara 4tti ol guddiseera.
Galgala sa’aatii 5:00tti Intarmiilaan Boodoo Giliimit waliin Istaadiyeemii Saansirootti taphatu.
Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa gaggeessaniin Boodoo Giliimitiin 3 fi 1n injifachuunsaa ni yaadatama.
Intarmiilaan gara mo’atanii darbuutti ce’uuf garaagarummaa galchii lamaa oliin injifachuun irraa eegama.
Morkataansaa Boodoo Giliimiti injifachuu, qixaan adda bahuu fi garaagarummaa galchii 1’n mo’amuun gara 16tti makamuuf isa dandeessisa.
Sagantaa biroon Niwuukaastil Yuunaayitid Kaarabag waliin galgala sa’aatii 5:00tti Istaadiyeemii Seenti Jeemsi Paarkitti ni taphatu.
Tapha jalqabaan Niwukastil Yuunaatitid 6 fi 1’n kan mo’ate carraan darbuusaa bal’aadha.
Faallaasaan morkataansaa Kaarabag tilmaama jiruun carraan gara mo’atanii darbuutti ce’uu dhiphaadha.
Baayer Leeverkusen, Oloompiyaas waliin galgala sa’aatii 5:00tti Istaadiyeemii Bayii Areenaatti taphatu.
Baayer Leeverkusen Jarman tapha marsaa jalqabaatiin dirreessaan alatti 2 fi 0’n mo’achuunsaa ni yaadatama.
Bu’aa kana hordofuun carraan tapha itti aanuuf qabu bal’ateera.
Oloompiyaakos Giriik gara mo’atanii darbuutti ce’uuf garaagarummaa galchii 2 oliin mo’uu qaba.
Galgala sa’aatii 2:45’n Atileetikoo Maadiriid Kilab Biruuzyi waliin Istaadiyeemii Wandaa Meetiropoliitanootti taphatu.
Kilaboonni lamaan tapha jalqabaa torban darbe gaggeessaniin sadii qixaan adda bahaniiru.
Gareen tapha har’aa mo’atu mo’atanii darbuutti ce’a.