Tamsaasa Kallatti:

Naannoowwan qonna Arfaasaa dafanii jalqaban guyyoota saddeet itti aanan keessatti haala qilleensaa jiidha qabutti fayyadamuu qabu

Guraandhala 16/2018 (ENA): Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa naannoleen hojii qonna Arfaasaa dafanii jalqaban guyyoota saddeet dhufan keessatti haala qilleensaa jiidha qabutti akka fayyadaman beeksiseera.

Raaga haala qilleensaa Guraandhala 14 hanga 21, 2018 ilaalchisee ibsa ENAf ergeen, guyyoota itti aanan keessatti naannoo qonna Arfaasaa keessatti qilleensi jiidha qabu akka jiraatu ibseera.

Haalli jiidhinsa qilleensaa kun keessumaa bakkeewwan laga gadi aanaa ta’ani irratti kanneen akka naannoolee Kibba Lixaa, Kibbaa fi Giddu galeessaa keessatti qonnaaf mjataa waan ta’eef qophii sanyii, akkasumas midhaan facaasuuf haala mijataa ni uuma jedheera.

Haalli qilleensa jiidhinni kun guddina marga dheedichaa fi biqilootaaf, akkasumas dhiyeessii bishaan dhugaatii namaa fi beeyladootaa fooyyessuuf barbaachisummaa guddaa qabaachuu ibseera.

Akkasumas naannooleen akka Awaash Gubbaa fi Awaash Giddugaleessaa, Baaroo Akobabii gubbaa fi giddu galeessaa, Oomoo Gibee, Suluwwan,  kuusaa Gannaalee Dawaa irratti rooba giddugaleessaa fi xiqqaa ta’e ni argatu.

Kanarraa kan ka’e, bishaan kuufamaa caqafame keessatti yaa’insi bishaan dirra lafaa giddu galeessaan ni jiraata.

Gama biraatiin naannoon Kibbaa fi Kibba Bahaa rooba Arfaasaa irraa fayyadamoo ta’an haala qilleensaa goggogaan akka isaan mudatu ibsichi hubachiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015