Tamsaasa Kallatti:

Magaalota Agarsiistuu Badhaadhinaa gochuuf tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran bu’aa fidaa jiru

Guraandhala 16/ 2018(ENA) - Magaalota Agarsiistuu Badhaadhinaa gochuuf tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu Ministirri Magaalaa fi Bu’uura Misoomaa Caaltuu Saanii ibsan.

Ministeerichi waltajjii gamaggamaa raawwii hojiilee sektaraa bara baajataa 2018 baatii ja’aa hoggantoonni naannoo damichaa bakka argamanitti Magaalaa Adaamaatti gaggeessaa jira.


 

Ministirri Caaltuu Saanii Wayita sana akka ibsanitti, Mootummaan Jijjiiramaa Magaalota agarsiistuu badhaadhinaa taasisuuf tarkaanfiiwwan fudhatama jiran bu’aa qabatamaa fidaa jiru.

Jireenya Jiraattota Magaalaa Jijiiruu, Wabii nyaataa Mirkaneessuu, Sirna Bulchiinsa lafaa Ammayyeessuu fi rakkoo mana jireenya furuu ilaalchisee bu’aan jajjabeessaan galmaa’uusaa eeraniiru.

Bu’uuraalee Misoomaa Magaalotaa babal’isuu fi tajaajila dijiitaalaa dhaqqabamaa gochuuf hojiiwwan abdachiisoon hojjetamuusaanii hubachiisaniiru.

Keessumaa misoma koriidaraa bu’uuraalee misoomaa magaalaa dhaqqabamaa gochuurra darbee miidhagina magalaan jijjiiruuramni qabatamaan kan itti argame ta’uu dubbataniiru.

Misooma koriidaraan yaadama mootummaa ida’amuun bu’aan kan argamee fi jijjiiramni miidhagina magaalaa kan itti arginedha jechuun ibsaniiru.

Kanaanis pirojektoota eegaluu qofa osoo hin ta’iin saffisaa fi qulqullinaan xumuruu aadaa godhachaa dhufuun kan itti mul’ate ta’uu eeruun misoomichi tumsi mootummaa fi ummataa kan itti argame ta’uu kaasaniiru.


 

Magaalatti itti quufinsa tajaajilamtootaa mirkaneessuuf hojiiwwan hedduun hojjetamuusaa eeruun kenninsa tajaajilaa ammayyeessuu fi magaalonni jireenyaa fi hojiif mijatoo taasisuu irratti hojjiwwan abdachiisoo raawwatamuu ibsaniiru.

Misoomni Magariisaa Miidhagina Magaalotaa eegsisuurra darbee lammiile hedduuf carraa hojii uumuu danda’uu ministirri kun eeraniiru.

Walakkaa waggaa bara baajataa 2ffaa hafetti, tajaajila dijiitala babal’isuu, hojiiwwan misooma kooriidarii magaalota adda addaa keessatti hojjetamaa jiran xumuruu, hojiiwwan miidhaginaa fi misooma magariisaa cimsuu, akkasumas gaaffiiwwan maneen jireenyaa caalatti deebisuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015