Tamsaasa Kallatti:

Gamtaan Afrikaa fi Saawudi Arabiyaan michummaa isaanii cimsuuf akka hojjetan ibsani

Guraandhala 16/2018 (ENA): Gamtaan Afrikaa fi Sa’uudi Arabiyaan michummaa nageenyaa, misoomaa fi dippilomaasii irratti qaban daran cimsuuf akka hojjetan kutannoo qabaachuu isaanii beeksisan.

Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahammuud Alii Yuusuf jila Ministira itti aanaa Dhimma Alaa Sa’uudii Arabiyaa Injiinar Waleed Biin Abdulkariim El-Kaharjiin jila durfamu waliin magaalaa Finfinneetti mari’ataniiru.  


 

Dura taa’aan Gamtichaa Mahammuud Alii Yuusuf Afrikaa fi Sa’uudii Arabiyaan hariiroo bara dheeraa fi seena qabeessa kan qaban ta’uu ibsuun, tumsi kun walitti dhufeenya  gadi fagoo aadaa, diinagdee fi ummataa irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru.

Saawud Arabiyaan Afrikaa waliin tumsa waaraa fi invastimantii ardii kana keessatti guddachaa jiru, akkasumas dippilomaasii naannoo fi idil-addunyaa keessatti gahee ijaarsaa qabdu galateeffataniiru.

Sa’uudii Arabiyaan qindoomina Gamtaa Afrikaa waliin ta’uun Liibiyaa, Sudaan fi Somaaliyaatti nagaa fi tasgabbii buusuuf tattaaffii gaggeeffamaa jiru keessatti deeggarsa dippilomaasii fi hirmaannaa isheef dinqisiifannaa qaban ibsaniiru.

Itti aanaan Ministirri Dhimma Alaa Sa’uudii Injiinar Waliid Bin Abdulkariim El-Kaharjiii gama isaaniitiin, haalli Gamtaan Afrikaa misooma, nagaa fi tumsa biyyoota hedduu ardii kanarratti qabu adda duree ta’uu ibsaniiru.

Sa’uudii Arabiyaan Gamtaa Afrikaa waliin dameelee adda addaa, misooma, nagaa, tasgabbii fi dippilomaasii biyyoota hedduu dabalatee tumsa qabdu cimsuuf kutannoo akka qabdu ibsaniiru.

Qaamonni lamaan walitti dhufeenya Gamtaa Afrikaa fi Sa’uudii Arabiyaa wal kabajuu, michoomaa fi walta’iinsa tarsiimoo irratti hundaa’uun caalaatti cimsuuf fedhii waliinii qaban ibsachuu isaanii odeeffannoon ENA'n Gamticha irraa argate ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015