Golambaan Saayinsii guddina qorannoo saayinsii fi teeknooloojii Itiyoophiyaa keessatti gahee olaanaa taphachaa jira - ENA Afaan Oromoo
Golambaan Saayinsii guddina qorannoo saayinsii fi teeknooloojii Itiyoophiyaa keessatti gahee olaanaa taphachaa jira
Guraandhala 16/2018 (ENA): Golambaa Saayinsii guddina qorannoo saayinsii fi teeknooloojii Itiyoophiyaa keessatti gahee olaanaa taphachaa jira jedhan hojigaggeessaan olaanaa waliigalaa waldaa Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa Kiruubel Manbaruu.
Miseensonni Waldaa Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa fi kutaaleen hawaasaa adda addaa Golambaa Saayinsii fi golambaa saayinsii keessatti kan argamu giddugala qorannoo hawaa (Pilaaneetariyeemii)daawwataniiru.
Giddugala Qorannoo Hawaa keessatti urjiilee daawwachuu, dhiheessi saayinsii hawaa fi fiilmii dokumantarii hawaa dawataniiru.
Golamboonni saayinsii guddina waliigalaa hawaasa tokkoo irratti guddina murteessaa fidu jedhan obbo Kiruubel Manbaruun.
Golambaan saayinsii kun hawaasni hubannoo fi beekumsa saayinsii irratti qabu akka dabaluu fi walitti dhufeenya damee kanaaf qabu akka cimsu kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.
Golambaan Saayinsii Finfinneetti ijaarame agarsiisa saayinsii salphaatti hubatamu taasisuun guddina dirree kanaaf gumaacha guddaa taasisaa jira.
Keessattuu golambichi daa’immanii fi dargaggoota saayinsiitti dhiheessuu qofa osoo hin taane, beekumsa barnootaan horatan qabatamaan akka arganii fi hubachuuf carraa guddaa kan uumu ta’uu ibsaniiru.
Akkasumas waldichi hojiiwwan adda addaa ijaarsa dandeettii, misooma bu’uuraalee misoomaa, akkasumas daa’immanii fi dargaggoonni beekumsa damee kanarratti qaban akka guddifatan gargaaruuf hojjechaa akka jirus ibsaniiru.
Waldichi nama hundaaf banaa ta’uu ibsuun, daa’immanii fi dargaggoonni fedhii qaban miseensa ta’uun akka itti makaman waamicha dhiyeessaniiru.
Waldaa Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaatti Qindeessaan Dhimma Alaa Kibrat Atsibihaa akka ibsanitti, kaayyoon daawwannaa kanaa hojiiwwan saayinsii hawaa keessatti hojjetamaa jiran irratti hubannoo uumuuf akka ta’e dha jedhani.
Golambaan Saayinsii daa’immanii fi dargaggoonni dirree kana keessatti akka makaman karaa saaquu qofa osoo hin taane, qorattoonni hojii isaanii ummataaf dhaqqabamaa taasisuuf faayidaa guddaa qaba jedhaniiru.
Barattoonni Fitii Girmaa fi Tsiyoon Biraanuu daawwannaan kun waa’ee hawaa beekumsaa fi hubannoo akka kenneefii dubbataniiru.
Golambaan Saayinsii kan duraa irraa adda ta’uu fi xiyyeeffannoo addaa amma dirree kanaaf kenname kan agarsiisu ta’uus ibsaniiru.