Maanchistar Yuunaayitid Everten waliin taphatasaa gaggeessa - ENA Afaan Oromoo
Maanchistar Yuunaayitid Everten waliin taphatasaa gaggeessa
Guraandhala 16/ 2018(ENA):- piriimer Liigii ingiliz sagantaa torban 27ffaa dhumaan Evertenii fi Maanchistar Yuunaayitid gidduutti har’a ni gaggeeffama.
Taphichi galgala sa’aatii 5:00tti Istaadiyeemii Hiil Diikiinsenitti gaggeeffama.
Everten qabxii 37n sadarkaa 9ffaa qabateera. Maanchistar yuunaayitid immoo qabxii 45n sadarkaa 5ffaa qabateera.
Kilaboonni lameen piriimar liigichatti kan walitti dhufan kan ammaa yeroo 31ffaa dha.
Taphoota 30 ammaan dura gaggeessaniin Maanchistar Yuunaayitid yeroo19 injifachuun olaantummaa qabatera.
Everten yeroo 6 yoo injifatu taphoota hafan 6n qixaan adda baheera.