Tamsaasa Kallatti:

Injifannoon Adwaa Itiyoophiyaa birmadummaashee gonfatte dhalootaa dhaalchisuuf barnoota guddaa kan dabarsu injifannoo olaanaa dha.

Guraandhala 15/2018 (ENA): Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee akka himanitti, injifannoon Adwaa Itiyoophiyaa birmadummaashee gonfatte dhalootaaf dabarsuu keessatti barnoota guddaa qaba jedhani.

Abbootiin hawwii koloneeffataa fashaleessuuf gama hundaan qabsaa’an injifannoo Adwaa madda bilisummaa fi boonsaa ummata gurraacha ta’e injifachuun milkaa’aniiru jedhani.

Injifannoon Adwaa Guraandhalli 23/1888 bakka tokkummaan biyyoolessaa uummata Itiyoophiyaa tokkummaan ba’ee diina daangaa ce’ee isa weeraruuf dhufe itti injifate waan ta’eef, waggaa waggaan yaadannoon isaa ni kabajama.

Biiroon Dargaggootaa fi Ispoortii Magaalaa Finfinnee waggaa 130ffaa Injifannoo Adwaa sababeeffachuun mata duree “Imaanaa Tokkummaa Adwaa: Birmadummaa fi Olka’insaaf’’ jedhuun sochii qaamaa hawaasa guutuu hirmaachise qopheesseera.

Sagantaa kana irratti kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abebee, Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injinar Aayishaa Mahaammad, Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shankaa fi keessummoonni biroo argamaniiru.


 

Injifannoon Adwaa, kan abbootiin keenya Adwaatti injifatan, dhaloonni amma jirus Itiyoophiyaa guutummaatti birmadummaashee eeggatte, misoomaa fi nagaa waaraatiin dhaloota itti aanutti dabarsuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injinar Aayishaa Mahaammad gama isaaniitiin akka ibsanitti, Injifannoon Adwaa bu’aa injifannoo waraanaa akka laayyootti argame osoo hin taanee, bu’aa cimina, ogummaa, abshaalummaa fi tokkummaati jedhani.

Injifannoon Adwaa, kan abbootiin keenya tokkummaa fi humna guutuun rakkina irra aanuun injifatan, bu’aa jabinaafi humna qaamaa cimaa akka ta’es ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015