Tamsaasa Kallatti:

Tooftaa lolaa kan beekuu fi gaachana biyyaa kan ta’e Iiziin Ajaja duula Addaa dirqama isatti kenname gahumsaan ba'achuuf qophii dha

Guraandhala 15/2018 (ENA): Tooftaa lolaa kan beekuu fi gaachana biyyaa kan ta’e Iiziin Ajaja duula Addaa dirqama isatti kenname gahumsaan ba'achuuf qophii ta’uu Ajajaan ajaja duula addaa Letenaal Jeneraal Shumaa Abdataa ibsaniiru. Ayyaanni hundeeffama Ajaja duula addaa waggaa 65ffaan qophiilee adda addaatiin kabajamaa jira.

Ajajaan ajaja duula addaa Letenaal Jeneraal Shumaa Abdataa ayyaana kana sababeeffachuun ergaa dabarsaniin, ayyaanni kun guyyoota muraasa darbanitti qophiilee adda addaatiin kabajamaa turuusaa himani.


 

Fakkeenyaaf, Duulli addaa kunniin, kitaaba, asxaa haaraa, faaruu Iizichaa fi dokumantariin qophahee kan eebbifaman ta’uu himaniiru.

Fiigichi kiiloo meetira 10 fi agarsiisni adda addaa dhiyaachuu himaniiru.

Kabajni ayyaana hundeeffama waggaa 65ffaa Ajaja duula Addaa sababoota gurguddoo sadiif barbaachisaa ta’uus eeraniiru.

Tokko imala haaromsa Raayyaa Ittisa Biyyaa waggaa 65 haala dhaloota itti aanuu fayyaduu danda’uun dabarsuu ta’uu ibsaniiru.

Inni lammaffaa immoo haala yeroo ammaa Ajajni duula Addaa bu'aa haaromsa taasifameen gahumsa maalirra akka jiru uummataaf, mootummaa fi diinaaf kan agarsiifnu dha jedhani. Kunis biyyaaf gaachana ta’uu kan danda’u ta’uu akka hubatanii fi diinotaaf immoo ergaa guddaa kan qabu akka of adabatanii taa’aniif jechuu himani. Ta’uu baannan garuu yoo lola jalqaban akka salphachuu danda’aniif ergaa guddaa dabarsuuf ta’u himaniiru.


 

Ergaan inni sadaffaa, gootummaan kaleessa akka ture, har’as itti fufee akka jiru; garuu tooftaalee kaleessaa waliin deemuu hin dandeenyu, kanaaf muuxannoo kaleessaa fudhachuun, yeroo ammaa waliin walitti qindeessuunii fi muuxannoo taatee sanaa irraa barachuun kan kaayyeffatee fi bara waliin deemuu kan danda’u ta’uu hubachiisuuf kabajamaa jira jedhani.

Akkasumas Ajajni Duula Addaa ajajaa tokko irraa gara sadarkaa har’a irra ga’etti bahii hedduu keessa darbee akka guddate eeraniiru.

Harka tokkoon osoo waraannuu, harka kaaniin osoo leenjinuu, Ajaja Iizii Duula Addaa gurmeessuu qofa osoo hin taane, humna rukutuu danda’u Rippaabilikaan Gaardii(Eegdota Rippaabilikaanii) olaanaa biyyattii akka hundeffamu taasisuun danda’amuu himaniiru.


 

Guyyaa har’aas leenjii komaandoo marsaa 44ffaa xumuranii kan eebbifaman akka jiran eeruun,miseensonni hedduun leenjii irra akka jiran himaniiru.

Ajajni Duula Addaa tokkummaa keessoo kan kaleessaa caalaa gubbaa hanga jalaatti kan qindaa’ee fi leenji’e horachuu isaa ibsaniiru.

Galaanarrattis ta’e lafarratti, haala qilleensaa kam keessattiyyuu fi haala teessuma lafaa iddoo kamittiyyuu Ajajni Duula Addaa ergama Mootummaa, Uummataa fi Dhaabbata isaa eeguuf kutannoon kan hojjetuu fi ergama isaa milkaa’inaan kan galmaan ga’u ta’uu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015