Kabaja biyya isaa fi daangaa biyyaa kan kabachiisuuuf dirqama kamiifiyyuu qophii kan ta’e goota, gahoomaa fi jabina kan qabu Raayyaa Ittisaa ijaarreerra- Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa - ENA Afaan Oromoo
Kabaja biyya isaa fi daangaa biyyaa kan kabachiisuuuf dirqama kamiifiyyuu qophii kan ta’e goota, gahoomaa fi jabina kan qabu Raayyaa Ittisaa ijaarreerra- Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa
Guraandhala 15/2018 (ENA): Kabaja biyya isaa fi daangaa biyyaa kan kabachiisuuuf dirqama kamiifiyyuu qophii kan ta’e goota, gahoomaa fi jabina kan qabu Raayyaa Itisaa ijaarreerra jedhan Itaamaajoor Shuumiin Walii-galaa Humnoota Waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa.
Sirna cufiinsa kabaja waggaa 65ffaa Ajaja Duula Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa; istaadiyeemii Hawaasaatti bakka Ajajaan Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo, Itaamaajoor Shuumiin Walii-galaa Humnoota Waraanaa Fiildii Maarshaal Biraanuu Juulaa fi qondaaltonni olaanoo Raayyaa Ittisa Biyyaa biroo, miseensonni Loltootaa fi kanneen biroo argamanitti gaggeeffameera.
Raayyaan Raayyaa Ittisa Biyyaa teknooloojii fi meeshaa waraanaa ammayyaa baay’ee akka gaariitti kan hidhate ta’uu ibsuun, Loltuun gootummaa qabu, dandeettii fi gahumsa qabu waan hundaa’eef, kabajaa fi daangaa biyyaa eeguuf dirqama kamiifuu qophii kan ta’e ijaaramuu isaa mirkaneessaniiru.
Kanumaan walqabatee Ajajni Duula Addaa gama hundaan ajaja qindaa’ee fi qophaa’e ta’uu ibsuun, gootummaa kanaan dura raawwataman hedduu tarreessaniiru.
Adeemsa jijjiiramaa keessatti qaamolee jeequmsa uumuuf carraaqan hordofuu fi seera kabachiisuun injifannoodhaan goolabuun akka danda’ame dubbataniiru.
Ayyaana kana waliin agarsiisni loltummaa qilleensaa, agarsiisa loltumaa bishaan irratti hundaa’ee fi agarsiisa loltummaa lafa irratti kan argamu yoo ta’u, sagantaan xumuraa har’a gaggeeffameera.
Sagantaa har’aa kanaan eebbifamtoonni Komaandoo Raayyaa Ittisa Biyyaa 44ffaa kan eebbifaman yoo ta’u, bakka keessummoonni kabajaa argamanitti miseensonni Ajaja Duula Addaa agarsiisa hiriira loltummaa agarsiisaniiru.
Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa kun yeroo gabaabaa keessatti ergama addaa raawwachuuf kan isaan dandeessisu agarsiisa qilleensarraas qophii ta’uu isaanii helikooptaraan agarsiisaniiru.
Barattoonni manneen barnootaa adda addaa magaalaa Hawaasaa irraa dhufan agarsiisa adda addaa waliin dhiheessaniiru.