Tamsaasa Kallatti:

Humna Ittisaa hundagaleessaa fi amansiisaa ta'e ijaarreerra - Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa

Guraandhala 15/2018 (ENA): Humni Ittisaa baay’inaafi qulqullinaan leenji’ee, hundagaleessaa fi amansiisaa ta’e ijaaramuu isaa Itaamaajoor Shuumiin Walii-galaa Humnoota Waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa beeksisaniiru.

Sirni cufiinsa waggaa 65ffaa Ajaja Duula Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa istaadiyeemii Hawaasaatti gaggeeffameera.


 

Sagantaa kana irratti Ajajaan Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo, Af-yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo, Fiildii Maarshaal Biraanuu Juulaan, Bulchaan Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Sidaamaa obbo Dastaa Leedamoo, Jeneraalonni Ol’aanoo Raayyaa Ittisa Biyyaa fi qondaaltonni federaalaa fi naannoo argamaniiru.

Kanuma waliin Itiyoophiyaan qormaata alaa fi keessoo ishee mudate irra aanuun milkaa’ina guddaa galmeessitee jirti jedhan Itaamaajoor Shuumiin Walii-galaa Humnoota Waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa.

Jijjiirama biyyoolessaa irraa eegalee haaromsi Raayyaa Ittisa biyyaalessaa cimaan ijaaramuu ibsaniiru.


 

Kunis gaggeessummaa Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad ijaarsa Raayyaa Ittisaa biyyoolessaa qaama kamirraayyuu bilisa ta’e ijaaruuf qajeelfama kennaniin kan hojjetamaa jiru ta’uu ibsaniiru.

Ijaarsi loltummaa kun kan diigamee ture qindeessuun sadarkaa kanarra gahuu himani.

Yeroo ammaa kanattis, loltoonni gahumsaa fi naamusa olaanaa qaban akka ijaaraman eeruun, ijaarsi kutaalee loltummaa adda addaa milkaa’inaan raawwatamuu ibsaniiru.

Waggoota muraasa darban keessatti rakkoo nageenyaa naannoo adda addaatti uumame hiikuu cinaatti loltoonni cimaan ijaaramuusaa eeraniiru.

Waraana booda kallattii kaa’ame galmaan ga’uuf guyyaatti sa’aatii 24 hojjechuun loltuu ittisa biyyaa amanamaa baay’ina, qulqullina, gurmaa’ina, gosa, teeknooloojii, misooma indaastirii ittisaa fi misooma bu’uuraalee misoomaa hunda galeessa ta’e ijaarree jirra jedhan.

Ajajni Duula Addaa waraana cimaa biyyaa fi ummata boonse ta’uu ibsuun, Ajajni Duula Addaa yeroo yeroon qulqullina leenjii isaa guddisuu qofa osoo hin taane, Eegdonni Rippabilikaanotaas akka uumamu taasiseera jedhan.


 

Waggoota 65 darban keessatti lola naannoo hedduutti geggeeffame keessatti Ajajni Duula Addaa qabatamaan of mirkaneessee jira.

Har’as leenjiin bu’uuraa komaandoo marsaa 44ffaa guyyaa hundeeffama Ajaja Duula Addaa akka ta’e ibsuun, eebbifamtootaaf baga gammaddan jechuun ibsaniiru.

Raayyaan ittisa biyyaa haala nagaa waaraa biyyattii mirkaneessuu fi birmadummaa biyyaa mirkaneessuun ergama amma qabu bahachuu akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015