Humni jabaanii fi amansiisaan akkuma kaleessaa nagaa Itiyoophiyaa, naannichaa fi Afriikaa eegsisu ijaarameera - ENA Afaan Oromoo
Humni jabaanii fi amansiisaan akkuma kaleessaa nagaa Itiyoophiyaa, naannichaa fi Afriikaa eegsisu ijaarameera
Guraandhala 15/2018 (ENA): Humni jabaanii fi amansiisaan akkuma kaleessaa nagaa Itiyoophiyaa, naannichaa fi Afriikaa eegsisu ijaarameera jedhan Ajajaan Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad.
Ayyaanni hundeeffama Ajaja Duula Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa waggaa 65ffaan Ajajaan Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad argamanitti sagantaalee adda addaatiin kabajameera.
Saganticha irratti haasaa taasisaniin Dr. Abiyyi Ahimad, Ilmi namaa aadaa, afaanii fi eenyummaa ofii qabaatee dhalata. Duultonni Addaa har’aa, haadhaa fi abbaa isaanii irraa, biyya isaanii Itiyoophiyaa irraa akkasumas qilleensa irraa kan dhalatan kennaa addaa Itiyoophiyaati jedhani.
Humni addaa abbaan koochoo lamaa, kooffiyyaa diimaa uffatan, qilleensarraa furguggifamuun kan bu’an, harka tokkoon naamusa, harka biraan immoo kaayyoo akka qabatan ta’uu eeraniiru.
Gootota lola qabsaa’anii xumuran, alaabaan keenya magariisa, keelloo, diimaa bilisummaa Afrikaa ta’uu eeruun, gootota kanaaf kabaja akka biyyaatti isaaniif malu kennineerraafii jedhani.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergamni keenya dhaabbata mul’ata qabu kan dhaloota dhufuuf dabarsu uumuudha; ergamni keenya humna jabaa kan lola injifatu ijaaruu akka ta'e dubbataniiru.
Ergamni miseensota Ajaja Duula Addaa Itiyoophiyaa ijaaruu, Itiyoophiyaa tiksuu, Itiyoophiyaa cimsuu, Itiyoophiyaa jijjiiruu akka ta’es dubbataniiru.
Itiyoophiyaan dafqa ijoollee isheetiin hojjetamti; lafee fi dhiiga ijoollee isaatiin jabaatti jedhan Ministirri Muummee.
Dhaabbanni keenya nagaa fi badhaadhina Afrikaa mirkaneessuu fi biyyoota naannichaaf gaachana ta'uu dha jedhani Dr. Abiyyi Ahimad.
Kana qofa osoo hin taane ummatoota obbolaa keenya fiixee Somaaliyaa irraa kaasee hanga fiixee Mistuwwaatti deggeruun misoomaa fi badhaadhina naannichaa mirkaneessuuf ni hojjenna jedhani.
Humni jabaan, teknooloojii hidhate, Itiyoophiyaa qofaaf osoo hin taane naannichaafis, dahannoo qofa osoo hin taane iddoowwan tarsiimoo keessatti qabsaa’u hundeessuu beeksisaniiru.
Kanaafis biyyoota Afrikaa Bahaa fi biyyoota Afrikaa hundaan baga gammaddan jedhaniiru.
Humni jabaan kuni ijaaramuun isaa waraannii fi shororkeessummaan naannoo keenyatti akka hin uumamneef yoo uumame immoo yeroo gabaabaa keessatti xumuruuf kan kaayyeffatee dha jedhani Dr.Abiyyi Ahimad.
Humni nuti ijaarre akkuma kanaan dura ergama idil-addunyaa bahachaa ture kabajaan raawwate sana mirkaneessuuf kan kaayyeffate ergama addaa isaaf kenname hanga aarsaa lubbuutti kan raawwatu ta’uu fi kabaja Itiyoophiyaa ta’uu ibsani.
Humni Itiyoophiyaan ijaarte yeroo ammaa kana humna jabaa fi amansiisaa akkuma kaleessaa birmadummaashee kan kabachiisu ta’uu ibsaniiru.