Tamsaasa Kallatti:

Hojiiwwan damee qonnaarratti jijjiirama fiduuf hojjetamaa jiran keessaa; hojiin qabeenya bishaan lafa gubbaa fi lafa jalaa qabnu jallisiif itti fayyadamuu hunda caalaa barbaachisaa dha – Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Guraandhala 15/2018(ENA) -Hojiiwwan damee qonnaarratti jijjiirama fiduuf hojjetamaa jiran keessaa; hojiin qabeenya bishaan lafa gubbaa fi lafa jalaa qabnu jallisiif itti fayyadamuu hunda caalaa barbaachisaa ta’uu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsaniiru.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin, naannoleen kanaan dura oomisha hin qabne hedduun amma jallisiitiin gara wiirtuu misooma qonnaatti jijjiiramaa jiru jedhani.


 

Kanaafis naannoon lagni Bilaatee itti argamu fakkeenya gaarii ta’uu ibsaniiru.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad, abbootii qabeenyaa dhuunfaa hirmaachisuun misoomni Fuduraalee bal’aan naannoo sanatti gaggeeffamaa jiraachuu ibsuun, kunis tattaaffii wabii nyaataa mirkaneessuuf taasifamu keessatti gargaarsa olaanaa kan taasisu ta’uu ibsaniiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015