Tamsaasa Kallatti:

Hawaasaan magaalaa jaalalaa, nagaa, gammachuu qofa osoo hin taane, magaalaa mul'anni Itiyoophiyaa keessaa burqu dha- Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Guraandhala 15/2018 (ENA): Hawaasaan magaalaa jaalalaa, nagaa, gammachuu qofa osoo hin taane, magaalaa mul’anni Itiyoophiyaa irraa burqudha jedhan Ajajaan Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa, Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad.

Ayyaanni hundeeffama Ajaja Duula Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa waggaa 65ffaa sagantaalee adda addaatiin bakka Ajajaan Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti kabajameera.


 

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad waggaa shan dura, Finfinneen Ilillee akka taatu kan jedhamaa ture yaadachuun, Yeroo ammaa Finfinnee qofa osoo hin taanee, magaalonni hedduun waggoota darban keessatti Abaaboo ta’uu ibsaniiru.

Hawaasaan immoo iftee arguu kootti gammadeera kan jedhan Ministirri Muummee, Hawaasaan magaalaa miidhagduu taate kana dhuftanii akka daawwattan isin affeereera jedhani.

Magaala kana keessatti uummata Itiyoophiyaaf kan ani mirkaneessuu barbaadu, Itiyoophiyaan ni badhaati, fakkeenya Afrikaas ni taati kan jedhu dha jedhani.

Ijoollee keenyaaf hiyyummaa seenaa gochuun Itiyoophiyaa badhaatee fi fakkeenya Afrikaa taate Afrikaa hundaa taate dabarsinee kennina jedhani.

Dafqa Keenya cobsinee, dhiiga keenya dhangalaasnee, lafee keenya caccabsinee, Itiyoophiyaa, Sidaamaa, Hawaasaa fi Afrikaa ijaarra jedhani.

Ministirri Dr. Abiyyi Ahimad jiraattonni magaalaa Hawaasaa kantiibaa gaarii ta’e argataniiru kan jedhani yoo ta’u, miidhagina magaalattii kana kan hawaasni daawwachuuf magaalaa idil addunyaa taasisuuf hojjechuu qabna jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015