Guddattoonni hubannoo namtolchee kalaqaa fi dandeettiif akka itti fayyadamaniif haala mijataa uumuu qabna - ENA Afaan Oromoo
Guddattoonni hubannoo namtolchee kalaqaa fi dandeettiif akka itti fayyadamaniif haala mijataa uumuu qabna
Guraandhala 14/ 2018(ENA)- Guddattonni Teekinooloojii dijiitaalaa fi hubannoo nam-tolchee(AI)kalaqaa fi ijaarsa dandeettiif akka fayyadamaniif haala mijataa uumuun akka barbaachisu ibsameera.
Waltajjiin marii Guddattootaaf haala itti fayyadama intarneetii fi hubannoo nam-tolchee dhaqqabamaa taasisuurratti Kaayyeffate Magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera.
Guddattoonni Itiyoophiyaa yeroo waliin akka deemanii fi bu’aawwan kalaqaa haarawaa akka gumaachaniif deeggarsa barbaachisaa akka taasisan Waltajjicharratti ibsameera.
Haasaa baninsa waltajjicharratti kan taasisan Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Aadde Mabiraat Baacaa, dhaloota booda biyya fudhatan kalaqaa fi dandeettii sirnaan qabsiisuun barbaachisa jedhaniiru.
Kanaaf guddattoonni bilbilaa fi kompiitara yeroo fayyadaman taphaaf qofa osoo hin ta’iin, Hubannaa nam tolcheef (AI) fi kalaqawwan dijiitaalaaf akka oolchaniif gochuuf itti gaafatamummaa qabna jedhaniiru.
Kanaafis haala mijataa uumuun hundarraa akka eegamu xiyyeeffannoo kennaniiru.
Kanaafis Maatiin, Manneen Barnootaa fi giddu galawwan dargaggootaa itti gaafatamummaa guddaa kan qaban ta’uu eeruun, egeree ifa Itiyoophiyaaf daa’immanii fi guddattootarratti har’a hojjenna jechuun dubbataniiru.
Guddattoonnii fi daa’imman itti fayyadama teekinooloojii dabalatee Sagantaa guddina daa’immummaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jirachuu kaasuun, kunis cimee akka itti fufu beeksisaniiru.
Jijjiirama biyyaalessaa hordofuun hojiirra oolmaa Dijiitaalaa, barnoota hubannaa nam- tolchee fi giddu gala kalaqaa babal’isuun damichaan dhaloota baratee fi beekumsa gahaa qabu horachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun ibsameera.