Manni murtii bulchiinsa gabaa kaappitaalaa Itiyoophiyaa sirna hojmaatasaa si’ataa fi qaqqabamaa taasisuf teeknooloojii ammayyaa diriirseera - ENA Afaan Oromoo
Manni murtii bulchiinsa gabaa kaappitaalaa Itiyoophiyaa sirna hojmaatasaa si’ataa fi qaqqabamaa taasisuf teeknooloojii ammayyaa diriirseera
Guraandhala 14/2018 (ENA)- Manni murtii bulchiinsa gabaa kaappitaalaa Itiyoophiyaa sirna hojmaatasaa si’ataa fi qaqqabamaa taasisuf teeknooloojii ammayyaa diriirsuudhaan hojiitti galuusaa ibse.
Manni murtii bulchiinsa gabaa kaappitaalaa Itiyoophiyaa sirna dinagdee Itiyoophiyaa keessatti qama haqaa isa haaraa fi murteessaadha.
Manni murtii kun akkaataa lakkoofsa labsii gabaa kaappitaalaa 1248/2013’n kan hundeeffame yoo ta’u dhiibbaa hojii maneen murtii idileerra jiruu fi amala addaa damee Kanaatiin dhimmoota ga’umsaan murtoo kennuuf akka danda’amuufidha.
Kaayyoonsaa ijoon waldhabdeewwan hirmaattota gabaa kanaa jidduutti uumaman of danda’uun ogeessaan kan qoratu yoo ta’u manni murtii kun ggabaan amanamummaan akka qajeelfamu gochuuf qooda guddaa nib ahata.
Dura taa’aan abbaa murtii mana murtii bulchiinsa gabaa kaappitaalaa Itiyoophiyaa Abinnat Zarfuu ENAtti akka himanitti, komiiwwan murtoo manni murtii abbaa taayitaa gabaa kaappitaala Itiyoophiyaa dabarsurratti dhihaatan qoratee murtoo kenna.
Hundeeffamee wagga tokko kana keessatti hojjettoota guuttachuu dabalatee hojii jajjabeessaa hojjechuusaa eeranii, qajeelfamni naamusaa manni murtichaa ittiin qajeelfamu qophaa’ee xumuramuusaa beeksisaniiru.
Tajaajilamtoonni bakkuma jiranirraa oliyyachuu akka danda’an sirni teeknooloojii diriirfamuusaa dubbataniiru.
Manni murtii kun ministeera dhimma alaa waliin walitti dhiheenyaan hojjechaa jiraachuu eeranii, carraaqqiiwwan kanneen keessaa gitasaa kan ta’e dhaabbata Taanzaaniyaa waliin sanada walii galtee mallatteessuuf qophiirra akka jiru eeraniiru.
Walii galteen kun muuxannoo abbaa seerummaa biyyoota lamaan jidduu jiru qooduu fi tumsaan hojjechuuf faayidaa guddaa ni qabaata jedhaniiru.
Kana malees haal dureen sadarkaa Afriikaa bahaatti foramii maneen murtii bulchiinsaa gabaa kaappitaalaa hundeessuuf gargaaru raawwatamaa jiraachuu eeraniiru.
Kun ammoo walitti hidhaminsa gabaa sadarkaa riijiniitti cimsuu fi sirna abbaa seerummaa wal fakkaataa diriirsuuf akka gargaaru itti amanameera jedhaniiru.