Tamsaasa Kallatti:

Paarstiileen Siyaasaa Danbii naamusaa kaadhimamtootaa mallatteessan

Guraandhala 14/ 2018(ENA) - Paartiileen siyaasaa Boordiin filannoo Biyyoolessaa Itiyoophiyaa filannoo walii galaa 7ffaaf danbii naamusaa kaadhimamtootaa qopheesse mallatteessan.

Danbbiin naamusaa filannichi haala naamusa qabaateen daandii nagaan akka gaggeeffamu kan dandeessisu ta’uun hubatameera.

Sirna mallattoo sanarratti miseensonnii hojii gaggeessitoota boordichaa, hoggantoota paartiilee siyaasaa fi bakka bu’oonni akkasumas bakka bu’oota Dhaabbilee Hawaasa Sivilii argamaniiru.

Hoggantuun boordii filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa Meelatwarq Hayiluu wayitasana, boordichi paartiileen walfalmanii yaada filannoosaanii sagantaa uummataaf itti dhiheessan qopheessaa jira jedhaniiru.

Uummanni filatus beekumsarratti hundaa’ee akka filatuuf paartiileerraa hojii hedduun ni eegama kan jedhan hoggantuun kun, miidiyaaleen paartiilee morkattootaa yeroo qilleensa walqixa ramaduun itti gaafatamummaasaanii bahuu akka qaban hubachisaniiru.

Boordiin filannoo deeggarsa barbaachisaa akka taasisu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015