Boordiin filannoo biyyaalessaa mallattoo paartiilee siyaasaa filannoo biyyaalessaa 7ffaa dorgomuuf galmaa’anii ifoomse - ENA Afaan Oromoo
Boordiin filannoo biyyaalessaa mallattoo paartiilee siyaasaa filannoo biyyaalessaa 7ffaa dorgomuuf galmaa’anii ifoomse
Guraandhala 14/ 2018(ENA):- Boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa mallattoo paartiilee siyaasaa filannoo biyyoolessaa 7ffaa dorgomuuf galmaa’anii ifoomseera.
Boordichi sagantaa mallatteessuu danbii naamusaa kaadhimamtootaa gaggeessaa kan jiru yoo ta’u, saganticha irratti,miseensonni Boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa, hoggantoonni paartiilee siyaasaa fi miseensonni, akkasumas bakka bu’oonni Hawaasa Dhaabbilee Sivilii argamaniiru.
Dura teessuun Boordichaa Meelaatwarqi Haayiluu wayita sana akka jedhanitti, boordichi filannoo gaggeessuuf qophiin taasisaa jiru cimsee itti fufa.
Paartiileen siyaasaa hedduun kaadhimamtoota galmeessaa jiraachuu ibsuun, galmee filattootaa gaggeesuuf qophii barbaachisaa taasisaa jirra jedhaniiru.
Raawwachiiftota filannoof leenjii leenjiftootaaf kennaa jiraachuu eeruun, dhaabbilee Hawaasa siivilii 169’f leenjii kennuusaa dubbataniiru.
Boordichi haala qophii meeshaalee filannoo ilaalchisee miidiyaalee adda addaa daawwachiisuu eeraniiru.
Mallattoon filannoo paartiilee har’a ifooman filattoonni paartii barbaadan mallattoosaa baranii akka filatan gochuuf kan kaayyeffatedha jedhaniiru.
Filannichi nagaa qabeessaa fi haqa qabeessa akka ta’u, danbiin sirna naamusaa kaadimamtoota kan qophaa’e ta’uu hubachiisuun, paariileen siyaasaa danbicha akka mallatteessan dubbataniiru.
Filannichi haqa qabeessa, dimokiraatawaa fi nagaa qabeessa ta’ee akka gaggeeffamuuf qaamoleen qooda fudhattootaa qooda isaanirra egamu bahuu akka qaban hubachiisaniiru.