Filannoon walii galaa 7ffaan waltajjii murteessaa ummanni naannoo Tigraayi nama naaf ta’a jedhu itti filatudha - ENA Afaan Oromoo
Filannoon walii galaa 7ffaan waltajjii murteessaa ummanni naannoo Tigraayi nama naaf ta’a jedhu itti filatudha
Guraandhala 14/2018 (ENA)- Filannoon walii galaa 7ffaan waltajjii murteessaa ummanni naannoo Tigraayi bakka bu’ootasaa naaf ta’u jedhu bilisa ta’e itti filatuta’uu miseensi mana maree paartii Simirat doktar Shishaayi Amaaree ibsan.
Ummanni Tigraayi jijjiirama waliin akka hin adeemne dhiibbaa keessa akka turu taasifamee yeroo dheeraaf gidirfameera jedhan doktar Shishaayi turtii ENA waliin taasisaniin.
Haa ta’u malee akkaataa walii galtee Piriitooriyaatiin bulchiinsi yeroo hundeeffamee ummanni naannichaa tasgabbaa’ee nagaa akka argatu taasisuun jijjiiramni amma tokko dhufuusaa dubbataniiru.
Filannoon walii galaa torbaffaa barana gaggeeffamuun ummanni bilisaan ba’ee filachuu akka barbaadu ibsanii, kanaaf ammoo filannoon hammataa fi hirmaachisaan naannicha keessatti gaggeeffamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Kanaaf kanneen dhimmi ilaallatu xiyyeeffannoo addaatiin tumsaan hojjechuun akka irraa eegamu cimsanii kaasaniiru.
Beekamtii seeraa boordii filannoorraa kan hin qabne gareen ABUT naannoo Tigraayitti filannoon akka hin gaggeeffamne fedhii akka qabu eeranii, haalli kun karaa seeraatiin deebii argachuu qaba jedhaniiru.
Filannoon akka gaggeeffamu tumsa qindaa’aa gochuun ummata naannichaaf aara galfii guddaa ta’uu kaasaniiru.
Kun ammoo gaaffiin ummanni Tigraayi gaafatu deebii haqa qabeessa akka argatuu fi dhageettii akka argatu gumaacha guddaa qaba jechuun ibsaniiru.
Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti adeemsarra jiru fayyadama haqa qabeessa lammiilee hundaa hubannoo keessa karaa galcheen hundeeffamuunsaa garaagarummaa bakkaa bakkatti mudatanii fi sirrii hin taaneef furmaata kan ta’udha jedhaniiru.
Keessumaa ummata naannoo Tigraayiif carraalee hedduu fidee kan dhufu furmaata guddaa ta’uusaas hubachiisaniiru.