Maanchistar Siitiin Niwuukaastil Yuunaayitid waliin ni taphata - ENA Afaan Oromoo
Maanchistar Siitiin Niwuukaastil Yuunaayitid waliin ni taphata
Guraandhala 14/ 2018(ENA):- Piriimar Liigii Ingiliz torban 27ffaan har’a eegala.
Sagantichaan taphoonni shan ni gaggeeffamu.
Taphni Galgala sa’aatii shan irratti Maanchistar Siitiin Niwuukastil waliin Istaadiyeemii Itihaaditti taphatan hawwiin eegama.
Maanchistar Siitiin qabxii 53n Sadarkaa 2ffaa qabateera.
Niwuukaastil Yuunaayitid qabxii 36n sadarakaa 10ffaarra jira.
Maanchistar Siitiin injifannoo ittifufa 3ffaa galmeessuuf ni taphatu.
Torban 26ffaa Tootenihaam Hotispersiin 2 fi 1n dirreesaan alatti erga mo’atee booda Niwuukastil Yuunaayitid injifannoo walitti fufaa galmeessuuf wal morkatu.
Maanchistar Siitiin yoo injifate dursaa liigichaa Arsenaal waliin garaagarummaa qabxii qabu yeroof gara 2tti gad buusa.
Astonviilaan qabxii 50n sadarkaa 3ffaa qabateera.
Liids yuunaayitid qabxii 30n sadarkaa 15ffaarra taa’eera.
Taphichaan Astonviilaan morkii waancaaf turuuf , Liidis Yuunaayitid sadarkaa gad bu’aa keessaa siquuf qabxii sadii argachuuf kan wal- morkatanidha.
Chelsiin Bernileyii waliin fi Bireentifoordi Biraayiten waliin galagala sa’aatii 12:00tti ni taphatu.
Westihaam Yuunaayitid Bornimaawuz waliin galgala sa’aatii 2:30tti Istaadiyeemii Landanitti taphatu.