Itiyoophiyaan hordoffii fi to’annoo balaawwan fayyaa hawaasaatiin milkoofteetti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan hordoffii fi to’annoo balaawwan fayyaa hawaasaatiin milkoofteetti
Guraandhala 14/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan dhukkuba vaayirasii Maarbargi dabalatee hordoffii fi to’annoo balaawwan fayyaa hawaasaatiin hojiiwwan milkaa’oo raawwachaa akka jirtu wiirtuun ittisaa fi to’annoo dhukkuboota Afriikaa ibse.
Wiirtuu kanatti gaggeessaan damee ittisa weeraraa, qophaa’ummaa fi deebii doktar Nigaashee Nigoongoo akka jedhanitti, Itiyoophiyaan weerara Maarbargi to’achuuf tumsi goote yeroo gabaabaatti weeraricha to’achuuf ishee gargaareera.
Kun ammoo dhukkubni miidhaa guddaa osoo hin geessisiin to’achuun akka danda’amu Itiyoophiyaan kan muuxannoon irraa fudhatamu ishee taasisa jedhniiru.
Itiyoophiyaan karaa sagantaa ekisteenshinii fayyaatiin sirna dhukkuba adda baasuu kan gargaaru dandeettii hojii sakatta’uu akka qabdu kan agarsiisu ta’uu dubbataniiru.
Inistiitiyuutiin fayyaa hawaasaa Itiyoophiyaas muuxannoo fi qophaa’ummaa sakatta’uu fi to’achuu balaawwan fayyaa hawaasaaf dandeettii uummachuusaa eeraniiru.
Wiirtuun kun damee fayyaa Itiyoophiyaa cimsuuf tumsaan hojjechaa akka jiru ENA’f mirkaneessanii, fakkeenyaaf deeggarsa teekniika garagaraa, dandeettii laaboraatoorii cimsuu fi deeggarsa galtee gochaa kan jiru ta’uu eeraniiru.
Birmadummaa fayyaa Ardichaa mirkaneessuuf qabeenya biyya keessaa guddisuu, hirmaannaa damee dhuunfaa gabbisuu, hojmaata bu’a qabeessa cimsuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.