Qonnaan bultoonni Kilaasteraan Burtukaana omishaa jiran dargaggoota biroof carraa hojii uumaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Qonnaan bultoonni Kilaasteraan Burtukaana omishaa jiran dargaggoota biroof carraa hojii uumaa jiru
Qonnaan bultoonni Kilaastaraan Burtukaana omishaa jiran dargaggoota biroof carraa hojii uumaa jiru
Guraandhala 13/2018(ENA): Dirree Dawaatti qonnaan bultoonni kilaastaraan Burtukaana misoomsaa jiran mataasaaniirra darbanii dargaggoota biroof carraa hojii uumaa jiraachuu ibsan.
Waggoottan darban gandoota baadiyyaa Dirree Dawaatti bu’uuraaleen misomaa jallisii ijaaraman omishaa fi omishtummaa guddisuuf hawaasa gargaaramuurraa gara omishtummmaatti ceesisaa jiraachuu Bulchiinsi Dirree Dawaa ibseera.
Qonnaan bultoonni ganda Reeggee fi Ija Aannanii gamasaaniin ENA’f akka ibsanitti, waggoottan afran darban pirojektoonni jallisii ijaaraman omishaa fi omishtummaa guddisuuf dandeessiseera jedhani.
Qonnaan bulaa Ibiraahim Usmaan qonna magaalaan, Sagantaa Maaddii guutuunii fi misooma suluulaan misoomawwan hojjetamaa jiran kennaa uumamaa sirnaan fayyadamuun jireenyasaanii jijiiruuf isaan dandeessisuu ibsaniiru.
Ammaan dura hojii gurgurtaa mukaatiin duraan jiraachaa kan turan dhiisuun, waldaan gurmaa’anii kilaastaraan oomisha burtukaanaa irratti bobba’uun jireenya isaanii jijjiiruuf isaan dandeessisuu dubbataniiru.
Qonnaan bulaa Aliyyi Awwal gamasaaniin, misooma sululaa lafa irratti hojjetamerratti burtukaanaa omishuun omishtummaasaanii guddisuusanii dubbataniiru.
Biiroon Qonnaa sanyii fuduraalee filatamoo dhiheesuun olitti ogeeyyiin deeggarsaa fi hordoffiin taasisan saffisaan gargaaramuu keessaa bahuuf isaan dandeessisuu ibsaniiru.
Yeroo ammaa gara omishaatti ce’uun dargaggoota 30f carraa hojii uumuusaanii dubbataniiru.
Itti gaafatamaan waajjira Qonnaa, Bishaanii,Albuudaa fi Inarjii Dirree Dawaa obbo Nuuraddin Aliyyii gamasaaniin waggoottan darban gandoota baadiyyaatti bu’uuraaleen misooma jallisii ijaaraman qonnaan bulaan gargaaramuurraa gara omishtummaatti akka ce’an taasiseera jedhaniiru.
Keessumaa kilaastarri burtukaanaa ganda Reeggee qonnaan bulaan damee fuduraan bu’aa galmeessa jiran akka fakkeenyaatti kan eeramu ta’uu dubbataniiru.
Qonnaan bultoota kanaaf sanyii filatamaa Yuunivarsiiitii Haramayyaa fi dhaabbilee qorannoo biroorraa argaman dhaqqabsiisuu ibsaniiru.