Yaadamni Paan-Afrikaanizimii Itiyoophiyaa, walitti hidhaminsa cimsaa jira - Ministira Martiin Eeliyaa Lomuroo - ENA Afaan Oromoo
Yaadamni Paan-Afrikaanizimii Itiyoophiyaa, walitti hidhaminsa cimsaa jira - Ministira Martiin Eeliyaa Lomuroo
Guraandhala 12/2018(ENA) : Yaadamni cimaan Paan-Afrikaanizimii Itiyoophiyaa, hariiroo riijinii,hawaasummaa fi diinagdee kan cimsu ta’uu Ministirri dhimmoota Kaabinee Sudaan Kibbaa Martiin Eeliyaa Lomuroo ibsan.
Yaa’iin hoggantoota Gamataa Afriikaa 39ffaan mataduree “Dhiheessii Bishaanii itti fufinsa qabuu fi Sirna qulqullina nageenyisaa eegame mirkaneessuu milkaa’ina galma Ajandaa 2063f’’jedhuun gaggeeffameera.
Yaa’ii hoggantoota gamtichaa cinaatti Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimadi fi Pirezidaantiin Sudaan Kibbaa Salvaakiir Maayaardiit tumsa gam-lamee fi riijiiniirratti mari’ataniiru.
Ministirri dhimmoota Kaabinee Sudaan Kibbaa Martiin Eeliyaa Lomuroo ENAtti akka himanitti , Itiyophiyaa fi Sudaan Kibbaa tumsa dameelee hawaasummaa fi diinagdeen biyyoota michummaa cimaa qabani dha jedhani.
Mariin Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadi fi Pirezidaantiin Salvaakiir Maayaardiit tumsa biyyootaa bal’isuurratti dhimmoota xiyyeeffannoon guddaan itti kennaman ta’uu ibsaniiru.
Keessumaa Itiyoophiyaan Nagaa fi tas-gabbii Sudaan Kibbaaf gumaachaa olaanaa taasistu michummaa biyyattii bu’uuraan cimsuun hariiroo hunda galeessa cimsaa jiraachuu ibsaniiru.
Bu’uuraalee misoomaa Daandii fi dhiheessii anniisaan biyyatti wal-qabsiisuuf tattaaffiiwwan taasifaman walitti hidhaminsa diinagdee cimsuun, hariiroo hawaasaa cimsuuf tattaaffiiwwan taasifaman faayidaa guddaa qabaachuu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan nagaa fi tasgabbii biyyoota ollaaf akkasumas kutannoo bu’uuraalee misoomaaf qabdu guddina waloo riijinii mirkaneessuuf qooda murteessa qabaachuu ibsaniiru.
Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad michummaa dippiloomaasii biyyattii cimsuun olitti nagaa fi tasgabii Sudaan Kibbaaf deeggarsa cimaa taasisaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan yaadama Paan-Afriikaanizimiin walitti hidhaminsa riijinii cimsaa jira kan jedhan ministirri kun,yaadamni Paan-Afriikaanizimii tokkummaa Afrikaanota walitti isaan hidhudha jedhaniiru.