Tamsaasa Kallatti:

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad, pirojektii  bu’uura misoomaa Jallisii  Qeexoo, aanaalee Sadii Caanqaa fi Hawwaa Galaaniif jijiirama hiika qabu fidaa jiru   daawwataniiru 

Guraandhala11/2018(ENA): Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad, pirojektii  bu’uura misoomaa Jallisii  Qeexoo, Aanaalee Sadii Caanqaa fi Hawwaa Galaaniif jijjiirama hiika qabu fidaa jiru  daawwachuuf carraa  argadheera  jechuun  ibsan.  




Ministirri  Muummee Doktar Abiyyi Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniitiin akka ibsanitti, Pirojektichi  hojii qonnaaf   dhiheessii  bishaanii  adda hin cinne haala mirkaneessuun,haala teessuma lafa naannichaa, haala sirriin fayyadamuu danda’uun  karoorfamee kan hojjetame ta’uu ibsaniiru.   
Hojii jallisii kallattiin faayidaarra oolchuun   lafa qotamee fi misoome  hawaasaaf faayidaa guddaa argamsiisuu  eegaluun  kan jajjabeeffamudha jechuun  ibsaniiru. 

Bu’uuraaleen misoomaa daandii  waliin hojjetaman  dhaqqabamumaa gabaa babal’iseera,  sochii jireenya  guyya guyyaa jiraattotaa salphiseera,  jechuun ibsani. 
  Naannichi  kuufama dilbii qonnaa kan  qabu waan ta’eef  hojii jallisii fi  bu’uura misooma    omishoota akka  Qamadii,  Ruuzii, Muuzii, Paappaayyaa fi  burtukaanaa  deeggaruun  misooma qonnaa guddisuu akka  danda’an   akka fakkeenyaatti  ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015