Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Godina Qeellam Wallaggaatti Muuzii sagantaa Maaddii guutuun misoome daawwatan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Godina Qeellam Wallaggaatti Muuzii sagantaa Maaddii guutuun misoome daawwatan
Guraandhala11/2018(ENA)- Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Godina Qeellam Wallaggaa Aanaa Hawwaa Galaanitti bakkeeewwan Muuzii sagantaa Maaddii guutuun misoome daawwataniiru.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad fuula miidiyaa Hawasummaasaaniin ergaa dabarsaniin, qonnaan bultoonni cichoomina cimaan, qindoominaa fi tumsaan hojii naannoosaanii jijjiire daawwachuutti gammaduusaanii ibsaniiru.
Hojiin qonnaa, lafaa fi qabeenya bishaanii naannoo jiru sirnaan fayyadamuun yoo danda’ame,jijjiirama bu’aa qabu fiduun akka danda’amu agarsiistuudha jedhaniiru.
Mala jallisii Aadaa fayyadamuunii fi qabeenya dhiheenya jiru sirnaan hojiirra oolchuun, hawaasichi gidduugala qonnaa bu’aa qabeessaa fi abdii qabeessa uumuu danda’uu hubachiisaniiru.
Keessumaa bu’uuraaleen misoomaa daandii qonnaan bulaan omishasaa salphaatti gara gabaatti geessuuf caarraa uumeefii arguusaaniin kan jajjabeeffamu ta’uu Ministirri Muummee ibsaniiru.
Guddinni kun tattaaffiiwwan misoomaa fedhii fi dandeettii hawaasa naannichaa waliin haala qindoomina qabuun bu’aa akkamii fiduu akka danda’u ifatti kan agarsiisudha jedhaniiru.