Tamsaasa Kallatti:

Sagantaa Maaddii Guutuudhaan hojii oomisha qurxummii fi damma guddisuuf hojjetameen bu’aan galmaa’eera

Guraandhala 11/2018 (ENA): Sagantaa Maaddii Guutuudhaan oomisha qurxummii fi damma guddisuuf hojii hojjetameen bu’aa galmeessisaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Sagantaan Maaddii Guutuu kaka’umsa Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin eegalame, oomisha bu’aawwan beeyladaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf kan kaayyeffatedha.

Sagantaan kun qonna magaalaa akka utubaa diinagdeetti fayyadamuun magaalota keessatti qaala’insa jireenyaa itti fufiinsaan hir’isuuf hojjetamaa jira.

Akka Ministeera Qonnaatti Daarektarri Olaanaa Misooma Beeyladaa fi Qurxummii Tsiggereedaa Fiqaaduu jedhanitti, Oomisha bu’aalee beeyladaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetaman keessatti bu’aan galmaa’eera.

Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa qabdu waliin wal qabatee oomishtummaa bal’isuu fi itti fayyadama qabeenya uumamaa ishee guddisuu akka qabdu eeruun, Biyyattii keessatti bishaan hedduun jiraatanis, oomisha qurxummiidhaan sadarkaa gahaan itti fayyadamaa akka hin jirre hubachiisaniiru.

Naannoo qurxummiin baay’inaa jiru keessaa teeknooloojii qabbaneessituu(Firiijii) fi galteewwan barbaachisoo ta’an fayyadamuun, oomisha qurxummii guddisuu fi oomisha sona itti dabaluun dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Raabsaan cuucii qurxummii bal’inaan raawwatamaa akka jiru eeruun, hanga ammaatti cuucii qurxummii miiliyoona 10 ol qonnaan bultootaaf akka dhiyaatu taasifameera jedhan.


 

Itti fayyadama qabeenya kanniisaa irraa biyyaaattiin argattu guddisuuf gaagura ammayyaa waliin gahamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hawaasa sirna gaagura aadaa irraa gara ammayyaatti akka fayyadamu hojii hojjetameen gaagurri ammayyaa miiliyoona lamaa fi kuma dhimma shan uummata qaqqabeera jedhani.

Kunis oomishni dammaa akka dabalu kan taasise yoo ta’u, bara darbe dammi toonii kuma 147 ol oomishamuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015