Tamsaasa Kallatti:

Riifoormiin diinagdee Gooroo Itiyoophiyaan taasifte jijjiirama caasaa diinagdee guddaa fideera

Guraandhala  11/2018 (ENA): Imaammanni riifoormii diinagdee Gooroo bal’aan Itiyoophiyaa keessatti hojiirra oole jijjiirama caasaa diinagdee biyyattii keessatti murteessaa ta’uu Pireezidaantiin Garee Baankii Daldalaa fi Misooma Bahaa fi Kibba Afrikaa Admaasuu Taaddasaan himani.

Riifoormiin diinagdee Gooroo bal’aan Itiyoophiyaa safartuu jijjiirraa gabaa irratti hundaa’e, imaammata maallaqaa ammayyaa fi riifoormii faayinaansii hojiirra oolchuun diinagdee cimaa, hunda hammatee fi itti fufiinsa qabu ijaaruuf kan akeekedha.

Pireezidaantiin Garee Baankii Daldalaa fi Misooma Bahaa fi Kibba Afrikaa Admaasuu Taaddasaan ENA’tti akka himanitti, tarkaanfiin haaromsa diinagdee mootummaan fudhate dinqisiisaa fi dhaabbilee faayinaansii biyyattii Afrikaa keessatti dorgomaa kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Itti dabaluunis, fooyya’iinsi diinagdee Itiyoophiyaa keessatti mul’achaa jiru qindoomina kallattii faayinaansii Afrikaatiif murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Dameen faayinaansii banaa ta’uu fi fooyya’iinsi bu’uuraalee imaammataa baankonni Itiyoophiyaa michoota ardii isaanii waliin tumsa qaban cimsuu fi badhaadhina itti fufiinsa qabuuf waliin hojjechuuf haala mijataa kan uumuu ta’uu ibsaniiru.

Itti dabaluunis haaromsi kun invastimantii kallattiin alaa hawwachuu fi oomishaa fi oomishtummaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan.

Baankota Itiyoophiyaa dabalatee dandeettiin baankota Afrikaa yeroo ammaa guddachaa jiraachuu eeruun, kana daran cimsuun ardichi dhaabbata guddaa mataa isaa ijaaruu qaba jedhaniiru.

Baankonnii fi dhaabbileen faayinaansii Afrikaa guddina diinagdee ardii kanaa keessatti gahee isaanii bahuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Yeroo ammaa kana dandeettiin isaanii ardii kana keessatti yeroodhaa gara yerootti guddachaa akka jiru himuun, dandeettii kana saffisiisuun guddinaa fi badhaadhina itti fufiinsa qabu ardii kanaatiif waliin hojjechuu akka qaban dubbataniiru.

Pirezidaantichi dandeettiin baankota Afrikaa yeroo ammaa haalaan guddachaa akka jiru kan ibsan yoo ta’u, fakkeenyaaf kaappitaalli Baankii Daldalaa fi Misooma Afrikaa Bahaa fi Kibbaa Dolaara biiliyoona 10 ol akka ga’e hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015