Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan Ulaa Galaanaa argachuu qabdi-Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Guraandhala 11 /2018(ENA)-Itiyoophiyaan biyyoota addunyaa muraasa guddina ariifataa agarsiisaa jiran keessaa tokko yoo taatu, bara kana dhibbeentaan kudhan tuqaa lamaa ni eegama. Itti fufiinsa guddina kanaa mirkaneessuu kan danda’u, biyyi ummata miliyoona 130 ol qabdu,ulaa galaanaa dhorkamtee yeroo dheeraaf hidhamaa teessuma lafaa taatee shira diinota isheetiin turuun sirrii miti; kuni faallaa gocha addunyaa irratti mul’achaa jiru waan ta’eef, michuu Itiyoophiyaa kan akka Turkii dhiibbaa dippilomaasii uumuu fi karaa nagaa Itiyoophiyaan ulaa galaanaa akka argattu gargaaruu akka danda’an bal’inaan mari’anneerra – Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015