Paartiin Badhaadhinaa bu’aa hunda galeessa waggoota darban keessatti galmeesse itti fufsiisuun biyyattii biyya fakkeenyummaa qabdu taasisuuf hojjechaa jira - ENA Afaan Oromoo
Paartiin Badhaadhinaa bu’aa hunda galeessa waggoota darban keessatti galmeesse itti fufsiisuun biyyattii biyya fakkeenyummaa qabdu taasisuuf hojjechaa jira
Guraandhala 10/2018 (ENA) - Paartiin Badhaadhinaa bu’aa hunda galeessa waggoota darban keessatti galmeesse itti fufsiisuun biyyattii biyya fakkeenyummaan waamamtu taasisuuf hojjechaa akka jiru Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dawaa obbo Kadir Juhaar ibsani.
Paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa 7ffaa Bulchiinsa Dirree Dawaatti gaggeeffamuuf mallattoo (bissii qamadii) fi manifeestoo isaa ifoomseera.
Kantiibaan magaalattii obbo Kadir Juhaar hoggansa Paartii Badhaadhinaatiin damee qonnaa, industirii, turizimii, albuudaa fi teeknooloojii irratti jijjiirama itti fufinsa qabu galmeessuun fayyadamummaa hunda galeessa ummataa mirkaneessuun danda’ameera jedhan.
Hirkatummaa irraa gara oomishtummaatti ce’uudhaan, of danda’uu bira darbee, oomisha qamadiitiin sharafa alaa argachuu eegalleerra jedhan.
Injifannoon guddaan oomisha qamadii irratti arganne mallattoo filannoo dhaabichaa ta’uu qofa osoo hin taane, waliigaltee biyyaalessaa akka qamadii ida’amuun biyyattii gara seenessa waloo tokkootti jijjiiruun,biyya fakkeenyumaan eeramtu taasisuuf kutannoon akka hojjetaanis ibsaniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Dirree Dawaaa obbo Ibraahim Yuusuf gama isaaniin, waggoota darbaniif fedhii hawaasaan biyya hoogganaa kan jiru paartiin badhaadhinaa, bu’aa hunda galeessa guutuu biyyattii keessatti galmeessuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu danda’eera jedhani.
Itti dabaluunis, paartiin deeggarsa ummataa fi filannoon gara aangootti dhufe, guddina dinagdee fi hawaasummaa sadarkaa hawaasaa hundatti galmeessuun biyya keenya gara ifaatti jijjiireera jedhan.
Hoggantoonni olaanoo, miseensonnii fi deeggartoonni Paartii Badhaadhinaa sirna kana irratti argamuun filannoo waliigalaa 7ffaa baatii Caamsaa keessa gaggeeffamu guutummaatti nagaa, dimokiraatawaa fi tasgabbaa’aa akka ta’u itti gaafatamummaa isaanii ba’achuuf waadaa galaniiru.