Tamsaasa Kallatti:

Mariin biyyoolessaa waldhabdee kanaan dura tureef furmaata waaraa buusuu keessatti gahee murteessaa qaba - Manguddoota Oromoo fi Abbootii Amantaa

Guraandhala 10/2018 (ENA)- Mariin biyyoolessaa waldhabdee darbaniif furmaata waaraa buusuu keessatti gahee murteessaa waan qabuuf, milkaa’ina isaaf hundi keenya gahee keenya bahuu qabna jedhan Abbootiin Gadaa Oromoo fi Abbootiin Amantaa.

Abbaa Gadaa Tuulamaa fi Barreessaan Abbootii Gadaa Oromoo Goobana Hoolaan ENAtti akka himanitti, adeemsa ajandaa marii Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti gaggeeffame qindeessuu irratti, waldhabdee kanaan dura ture furmaata waaraa hin arganne mariin akka furamaniif ni gargaara jennee amannu ajandaa kennineerra jedhani.

Mariin biyyoolessaa rakkoo keenya itti fufiinsaan hiikuu keessatti gahee bakka bu’aa hin qabne kan qabuu fi bakka furmaanni itti argamuu danda’u ta’uu ibsaniiru.

Abbaa Gadaa Oromoo Maccaa kan ta’an Warqinaa Tarreessaa gama isaaniin,adeemsi marii kun kutaalee hawaasaa hunda, bu’uura irraa kaasee hanga hayyoota siyaasaa ol’aanootti kan hirmaachise ta’uu ibsaniiru.

Mariin kun rakkoolee keenya karaa itti fufiinsa qabuun hiikuu qofa osoo hin taane, guddina hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa biyyattii saffisiisuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru.

Abbaa Amantaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa kan ta’an Barsiisaa Luba Lammaa Bayyanaa gama isaaniin, rakkoo, wal-hubannoo fi wal-dhabdee nu mudate furuuf mariin biyyaalessaa murteessaa dha jedhani.

Qaamoleen biyya keessaas ta’e biyya alaa dhimmi biyyaa keessaa na’ilaallata jedhan hundi adeemsa marii kanaa keessatti hirmaannaa isaanii cimsuun mariin kun akka milkaa’u gochuu akka qaban ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015