Tamsaasa Kallatti:

Milkaa'ina Marii Biyooalessaaf gahee mataa keenyaa ni baana - Miseensota Mana Maree

Guraandhala  10/2018 (ENA)- Mariin Biyyoolessaa imala misoomaa Itiyoophiyaa saffisiisuu keessatti gahee guddaa qaba waan ta’eef, milkaa’ina isaatiif gahee keenya ni baana jedhan miseensonni Mana Maree Naannoo Ummata Kibba Lixa Itiyoophiyaa.


 

Miseensa Mana Marichaa kan ta’an doktar Masfin Wadaajoo  Mariin Biyyoolessaa kun rakkoolee yeroo dheeraaf turan mariidhaan hiikuun nagaa waliigalaa akka dhugoomuuf kan gargaaru ta’uu ENAtti himaniiru.

Mariin biyyoolessaa tokkummaa ummataa cimsuun imala Itiyoophiyaa gara badhaadhinaatti taasiftu saffisiisuu keessatti ga’ee murteessaa akka qabu eeruun, Miseensonni mana maree rakkoolee gurguddoo biyyoolessaa mariidhaan hiikuu irratti adda duree ta’uun ni hirmaanna jedhaniiru.


 

Miseensa Mana Maree kan ta’an Tigisti Kabbadaa akka ibsanitti, namni rakkoo keenya nu caalaa beekuu fi furmaata kennuu hin jiru; mariin kun rakkoolee dhimma biyya keenyaa wajjin wal qabatan karaa nagaan furuuf carraa gaarii fideera jedhani.


 

Miseensi mana marichaa kan biraa Daawit Minootaa akka ibsanitti, marii biyyoolessaa ajandaa ijoo keenya taasifachuun, rakkoolee keessoo mariitiin hiikuun Itiyoophiyaa fakkeenya Afrikaa taasisuuf mul’ata jiru waliin ta’uun saffisiisuu qabna jedhan.

Miseensonni mana marichaas hubannoo tokkummaa ummataa cimsuun dabalatatti, rakkoolee mariin furuun faayidaa biyyoolessaa hawaasni akka hubatu gochuun itti gaafatamummaa keenya bahachuu qabna jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015