Itiyoophiyaan gabaa bunaa addunyaa irratti dorgomtummaa qabdu sadarkaa olaanaan guddisaa jirti- Dhaabbata Bunaa Idil Addunyaa - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan gabaa bunaa addunyaa irratti dorgomtummaa qabdu sadarkaa olaanaan guddisaa jirti- Dhaabbata Bunaa Idil Addunyaa
Guraandhala 10/2018 (ENA)-Itiyoophiyaan damee bunaan guddina oomishaa fi al ergiin galmeessisaa jirtu guddachaa dhufuun dhiibbaa fi dorgomtummaa biyyattiin gabaa addunyaa irratti qabdu sadarkaa olaanaatti ceesisaa jiraachuu dhaabbileen idil-addunyaa fi bitattoonni beeksisan.
Daariktarri Olaanaa Dhaabbata Bunaa Idil-addunyaa(ICO) Vaanuusiyaa Nogeeraa ENA'tti akka himanitti, Itiyoophiyaan madda gosoota sanyii bunaa ajaa’ibaa fi mi'aawaa ta'anii qabdi jedhani.
Itiyoophiyaan damee kana ogeessota ogummaasaa qabaniin bulchuuf tattaaffiin taasiftu bu’aa guddaa argamsiisaa jira jedhaniiru.
Adeemsa oomishaa bunaa baadiyyaa sirna gabaa dijitaalaa waliin qindeessuun milkaa’ina isaaf waan ijoo ta’uu daariktarri kun ibsaniiru.
Dargaggoonni qonna aadaa qofa irratti xiyyeeffachuu dhiisuun hojii buna ammayyaa qopheessuu fi al-ergii irratti bobba’uu isaaniis dinqisiifataniiru.
Hoggansi waliigalaa damichaa, jijjiirama qulqullinaa fi yaada waliin walqabatee milkaa’ina diinagdeetiif karaa baneera jedhan.
Hojii daldala bunaa galchuu fi al ergii irratti kan bobb’an lammiin Chaayinaa Emilii Yiip akka jedhanitti, jaalatamummaan bunni Itiyoophiyaa maamiltoota Chaayinaa biratti qabu yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuu ibsani.
Bunni kun mi’aan firii addaa fi urgaawaan ajaa’ibaa filannoo addaa akka ta’u taasiseera jedhani.
Kana hordofuun hammi buna Chaayinaan Itiyoophiyaarraa galchitu haalaan guddachaa akka jiru hubachiisaniiru.
Hundeessaa dhaabbata Kooldi Tiyuun Afrikaa kan ta’an Maatii Gulaalii gama isaaniin, bunni Itiyoophiyaa buna biyyoota biroo irraa wanti adda godhu, kan biraan gosoonni bunaa adda addaa naannoolee tokkoon tokkoon isaanii keessatti argamuudha jedhani.
Gara fuula duraatti, Al-ergitoota Itiyoophiyaa waliin marii daldalaa bal’aa taasisuun tumsa daldalaa daran cimsuuf qophii ta’uu ibsaniiru.