Tamsaasa Kallatti:

Hariiroon Dippilomaasii Itiyoophiyaa fi Ruwaandaa Tumsa Daldalaa fi Invastimantiin Cimaa dhufeera

Guraandhala 10/2018 (ENA)- Hariiroon dippilomaasii Itiyoophiyaa fi Ruwaandaa tumsa daldalaa fi invastimantiin cimee akka jiru Itiyoophiyaa fi Jibuutiitti Ambaasaaddarri Ruwaandaa, Gamtaa Afrikaa fi Komishinii Diinagdee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Afrikaatti Bakka Bu’aan Dhaabbataa Ruwaandaa Chaarlis Kaarumbaa ibsaniiru.

Itiyoophiyaan yeroo waldhabdee keessoo Ruwaandaatti jila waraanaa bobbaasuun nagaa fi tasgabbii Ruwaandaa keessatti gahee ijaarsaa nageenyaaf shoora olaanaa bahachuu turtii ENA waliin taasisaniin yaadachiisaniiru .

Kun gumaacha Itiyoophiyaa ta’uu ibsuun, michummaa gad fagoo biyyoota lamaan gidduu jiru kan mul’isu ta’uu himani.

Hariiroon dippilomaasii Itiyoophiyaa fi Ruwaandaa Imbaasii banuu bira kan darbee akka ta’e ibsuun, komishinii ministeerotaa waloo hundeessuun bu’uura dhaabbataatiin michooma waaraa uumuu danda’aniiru jedhani.

Hariiroon dippilomaasii biyyoota gidduu jiru gama hawaasummaa fi dinagdeetiin tumsa cimaa uumaa akka jirus hubachiisaniiru.


 

Gama fayyaa, ijaarsa mana jireenyaa fi misooma magaalaatiin walta’iinsa isaanii cimsuuf hubannoo waloo irra ga’uu isaanii ibsuun, barattoonni fayyaa Ruwaandaa Itiyoophiyaatti dameewwan ispeeshaalitii fi saab ispeeshaalitii (subspecialty) adda addaatiin barnoota isaanii hordofaa akka jiran ibsaniiru.

Biyyoonni kunneen damee waraanaa irrattis waliin hojjechaa akka jiran eeruun, gama kanaan leenjii fi muuxannoo waljijjiirraa gaggeessaa akka jiran dubbatani.

Hogganaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa Fiildii Maarshaal Birhaanuu Juulaa hariiroo waraanaa biyyoota gidduu jiru cimsuuf gita isaanii Ruwaandaa Jeneraal Mubaarak Mugaangaa waliin muuxannoo waljijjiirraa fi marii gaggeeffamaa ture akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Hariiroon dippilomaasii cimaan Itiyoophiyaa fi Ruwaandaa gidduutti ijaarame carraa daldalaa fi invastimantii babal’isuun tumsa isaanii akka cimsus ibsaniiru.

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa guyyaatti balalii kallattiin yeroo sadii gara Ruwaandaa Kiigaaliitti kan taasisu ta’uu eeruun, kunis daldalaa fi invastimantii akkasumas hariiroo ummataa biyyoota lamaanii cimsa jedhan.

Itiyoophiyaan biyyoota addunyaa misoomaa fi guddina diinagdee galmeessaa jiran keessaa tokko ta’uu hubachisuun, kanaafis Magaalaa Finfinneetti misoomni koriidaraa hojjetame fakkeenya ajaa’ibaa ta’uu ibsani.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015