Tamsaasa Kallatti:

Hojiilee Itiyoophiyaan damee bishaanii fi qulqullina naannootiin galmeessite ajandaa ardii galmaan ga’uuf bu’uura dha – Doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa

Guraandhala 10/2018 (ENA)- Ministirri Bishaanii fi Inarjii, Doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa akka ibsanitti, hojiileen Itiyoophiyaan damee bishaanii fi qulqullina naannootiin galmeessite ajandaa ardii galmaan ga’uuf bu’uura guddaa ta’uu dubbatan.

Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 39ffaan Guraandhala 7 fi 8/2018 mata duree “Dhiyeessii fi Qulqullina Bishaanii Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu; Galmoota Ajandaa 2063’f” jedhuun akka gaggeeffame ni beekama.

Ministirri kun turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti, Afrikaan qabeenya bishaaniitiin kan eebbifamte taatus, ammallee ardii addunyaa biroo waliin wal bira qabamtee gaafa ilaalamtu waliin gahinsa bishaan dhugaatii fi anniisaa irratti xiqqaa ta’uu hubachiisaniiru.

Yaa’iin Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa bishaanii fi qulqullina naannoo irratti xiyyeeffatee gaggeeffame, fedhii yeroo ammaa fi itti fufiinsa qabu guutuuf ardii kanaaf baay’ee barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Qajeelfamni kun biyyoonni miseensa ta’an qabeenya bishaanii isaanii jijjiirama diinagdee fi nageenya uummata isaaniif akka fayyadamaniif kaka’umsa guddaa kan uumu ta’uu himan.

Itiyoophiyaan bu’aa damee bishaanii fi qulqullina naannootiin galmeessite galma ga’iinsa ajandaa ardii kanaatiif bu’uura guddaa akka ta’es hubachiisaniiru.

Hojii gama kanaan hojjetameen bu’aa argame keessaa ummanni biyyattii gara miliyoona 80tti dhiyaatu bishaan dhugaatii qulqulluu irraa fayyadamoo ta’uu danda’uu ibsaniiru.

Ministirri kun qabeenyi bishaanii madda dhiyeessii anniisaa biyyattii isa ijoo ta’uu hubachiisuun, kanaaf hidhi Haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa fakkeenya guddaa dha jedhan.

Finfinneen magaalaa waggaa waggaan hoggantoota Gamtichaa kan ajaa'ibsiiftu ta'uu eeruun Ministirri kun, hojiin bishaanii fi qulqullina naannoo magaalattii keessatti hojjetamaa jiru kan lafarratti qabatamaan mul’ataa jiru ta’uu eeraniiru.

Kun immoo bu’aan Itiyoophiyaan qabatamaan agarsiisaa jirtu, jecha bira darbee, biyyoota Afrikaa biroof barumsaa fi muuxannoo guddaa kan kennu ta’uu ibsan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015