Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Affaaritti qamadii bal’inaan oomishuun itti fufee jira

Guraandhala 10/2018 (ENA)- Naannoo Affaaritti lafaa fi qabeenya bishaanii fayyadamuun qamadii bal’inaan oomishaa jiraachuu Biiroon Qonnaa fi Misooma Qabeenya Uumamaa Naannichaa beeksiseera.


 

Oomishtummaa qamadii guddisuuf hojiin sanyii madaqsuu haala qilleensa naannoo sanaaf mijatu taasisuuf hojii hojjetanii qabatamaan agarsiisuu fi lafa tikfattootaa irratti bal’inaan hojjetamaa jiraniin bu’aan gaarii argamaa jira jedhan itti gaafatamaan damee qonnaa biiroo kanaa obbo Ahmad Amiin.

Haaluma kanaan misooma qamadii Jallisii Bona bara kanaa heektaara kuma 1 fi 442 irratti sanyii madaqsuun hojjetamaa akka jiru ENA’f mirkaneessaniiru.

Kunis dhiyeessii sanyii irratti of danda’uu fi wabii nyaataa mirkaneessuu galmaan ga’uuf carraa kan uumu ta’uu eeraniiru.

Oomisha qamadiitiin alatti suufii fi ruuzii bal’inaan madaqsuu keessatti bu’aan abdachiisaa mul’achaa akka jiru eeraniiru.


 

Itti Gaafatamaan Damee Dhiyeessii Galtee Haaruun Alii akka ibsanitti, Sanyii qamadii naannicha waliin walitti madaqsuun alattis dhiyeessii xaa’oo fi galteewwan qonnaa biroo irratti hojiin abdachiisaa hojjetamaa jira jedhan.


 

Hojii sanyii qamadii madaqsuun lammiileen kuma 15 carraa hojii argachuu waajjirichatti Daarektarri Misooma Midhaanii Hamaduu Mahaammad beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015