Nagaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneesuuf caalaalee nageenyaa cimsuun murteessaadha - Waajjira Milishaa Oromiyaa - ENA Afaan Oromoo
Nagaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneesuuf caalaalee nageenyaa cimsuun murteessaadha - Waajjira Milishaa Oromiyaa
Guraandhala 9/2018(ENA)- Waajjirri Milishaa Naannoo Oromiyaa nagaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneessuuf Ajajoota Milishaa Aanaalee fi Gandootaa Leenjisaa ture Eebbiseera.
Sirna eebbaa kanarratti Hogganaan Waajjira Milishaa Oromiyaa Obboo Abarraa Buunnoo ergaa dabarsaniin, dandeettii raawwachiisummaa humna Milishaa ummata hirmaachiseen nageenya nannichaa mirkaneessuu, Heeraa fi Seera kabajee akka kabachiisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Birmadummaa Biyya keenyaa Aggaammii Baandaa keessaa fi Baadaa Alaa irraa qolachuuf naannoo keenya eeguurra darbee ergama addaaf qophii ta'uu qabdu jedhaniiru.
Miseensonni Milishaa har’a eebbifamtan dirqama kamuu keessatti obbolummaan tokkoomtanii nageenya waaressaa abdii uummataa fakkeenyummaan nageenya mirkaneessuu qabdu jechuun dhaamaniiru.
Daarektarri gidduugala leenjii Bulbulaa komaandar Taayyee Baqqalaa Eebbifamtoonni Itti gaafatamummaa hawaasummaa, Ol'aantummaa heeraa fi seeraa kabajuu fi kabachiisuuf imaana kennameef amanamummaan akka bahan dhaamaniiru.
Itti gaafatamaa Kilaastara Haqaa fi Nagaa Oromiyaa Obboo Geetaachoo Taammiraat Leenjiin dandeettii raawwachiisummaa ajajoota milishaaf kennamaa ture eebbifamtoonni gama hundaan bu’aa ol'aanaa galmeessisuu fi hojii Qulqullina qabu hojjechuuf akka isaan dandeessisu ibsaniiru.
Ajajoonni milishaa eebbifamanis hawaasa keenyatti deebinee nageenya ummataa karaa mirkanaa'uun ni hojjenna jedhaniiru.
Waajjira Milishaa Naannoo Oromiyaarraa