Tamsaasa Kallatti:

Gamtaan Afriikaa fi Baankiin misoomaa Afriikaa tumsasaanii haaromsuuf kutannoo qabaachuu ibsan

Guraandhala 9/2018(ENA)- Gamtaan Afriikaa fi Baankiin misoomaa Afriikaa caaseffama Faayinaansii cimsuu dabalatee tumsa dameelee adda addaan qaban bifa haaraan haaromsuuf akka hojjetan beeksisan.

Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afriikaa 39ffaan teessoo muummee Gamtichaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuuf ya’icha cinaatti pirezidaantii Baankii Misooma Afriikaa doktar Siidii Uldiitaahii waliin marii’ataniiru.


 

Dura taa’aan Komishinichaa baankichi kallattiiwwan xiyyeeffannoo ijoo Afriikaaf deeggarsa cimaa taasise dinqisiifachuun, fandii misooma Afriikaaf deeggarsa maallaqaa dabalataa doolaara biiliyoona 11 taasisuusaa tarkaanfii gaarii ta’uu hubachiisaniiru.

Dura taa’aan kunii fi Pirezidaantiin Baankichaa Idaa, haala jijjiiramma qilleensaa fi qormaatilee hiyyummaa haala dhiheessii faayinaansii daabalatee qormaatilee ijoo Afriikaa ta’uusaanii yeroo marii’atan ibsaniiru.

Michuuuwwan lamaan tumsa qophii Pirojektii cimsuuf, kaappitaalaa Afriikaaf doolaara Ameerikaa tiriiliyoona tokko walitti qabuu, dhimmoota Ejensii madaallii liqaa Afriikaa dagaagsuu fi sirna faayinaansii Afriikaa cimaa ijaaruurratti marii’ataniiru.

Mariisaaniin Gamtaa Afriikaa fi Baankiin misooma Afriikaa tumsasaanii bifa haaraan haaromsuuf walii galaniiru.

Waggaatti yeroo lama marii’achuu fi Faayinaansii Afriikaarratti marii sadarkaa olaanaan gaggeessuuf karoora qabachuusaanii odeeffannoon ENAn Gamtaa Afriikaarraa argate ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015