Tamsaasa Kallatti:

Komiiwwan yeroo Filannoo ka’aniif deebii ariifataa seerarratti hundaa’e kennuuf ni hojjetama

Guraandhala 9/2018(ENA)- Komiiwwan yeroo Filannoo ka’aniif deebii ariifataa seerarratti hundaa’e kennuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu pirezidaantiin mana murtii walii galaa federaalaa Tewoodiroos Mihirat beeksisan.

Manni murtii walii galaa Federaalaa Boordii filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa waliin qindaa’uun, haala dhimmoota komii filannoo furan irratti Mana Murtii Waliigalaa Federaalaaf, Mana Murtii Olaanaa Federaalaa fi Abbootii Seeraa Mana Murtii Sadarkaa jalqabaaf leenjii kennuu eegalera.

Leenjii guyyoota walitti fufaa Afuriif tururratti Hayyoonni damichaa Yunvarsiistii Finfinnee Ogeeyyii booordi filannoonii fi abbootii Seeraa Dhadacha Ijibbaataaf kan kennamu yoo ta’u, abbootiin seeraa 150 marsaa sadiin akka hirmaatan ibsaniiru.


 

Pirezidaantiin mana murtii walii galaa federaalaa Tewoodiroos Mihirati abbootiin seeraa qulqqullina tajaajila haqa qabeessa lammiilee fooyyessuun itti gaafatamummaasaanii sirnaan bahaa jiraachuu dubbataniiru.

Komiiwwan yeroo filannoo ka’an sirna deebii haqaa ariifataa uumuurratti abbootiin seeraa qooda olaanaa qabu jedhaniiru.

Filannoon lammiileen qaama isaan gaggeessu kan itti filatan adeemsa biyyaa guddaadha kan jedhan pirezidaantichi, adeemsichi haqa qabeessa, bilisa, fi walaba ta’ee akka xumuramuuf gaheen dhaabbilee guddaa ta’uu hubachiisaniiru.


 

Adeemsa filannoo fuulduraatti komiiwwan ka’aniif deebii ariifataa olaantummaa seeraarratti hundaa’e kennuuf akka hojjetamu pirezidaantichi mirkaneessaniiru.

Kanaafis abbootiin seeraa milkaa’ina filannoof gaheen qaban guddaa waan ta’eef adeemsicha hubachiisuuf leenji kennuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Walitti qabaan Boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa Meelaatwarqi Haayiluu gamasaaniin, boordichi filannoo walii galaa 7ffaa gaggeessuuf haalduree qophii barbaachisu taasisaa jiraachuu ibsaniiru.


 

Filannichi haqa qabeessa ta’ee akka goolabamuuf qajeelfamoota seeraa taa’anirratti hubannaa gahaa qabsiisuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Keessumaa haala komii itti dhiheessanii fi qaama komii hiiku gidduutti hubannaa wal fakkaataa uumuuf leenjichi qooda olaanaa qabaachuu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015