Tamsaasa Kallatti:

Musliimonni akkuma yeroo hundaa baatii ramadaanaattis hojii gaarii raawwachuun dabarsuu qabu-Sheeh Hajjii Ibraahim Tufaa

Guraandhala 9/2018(ENA)- Musliimonni akkuma yeroo hundaa baatii ramadaanaattis hojii gaarii raawwachuun dabarsuu akka qaban Pirezidaantiin mana maree walii galaa dhimmoota Islaamummaa Sheeh Hajjii Ibraahim Tufaa ibsan.

Akkaataa manni murtii walii galaa Shari’aa federaalaa beeksisuutiin guyyaan jalqabaa baatii ramadaanaa guddichi 1447ffaan soomananni itti eegalu baatii bahuusheerratti kan  hundaa’u ta’a.

Haala Kanaan baatiin boru Kibxata galgala yoo baate, soomanni kan eegalu Roobii ta’a, baatiin Kibxana galgala yoo hin baane ammoo soomanni Kamisa Guraandhala 12 bara 2018 akka eegalu ibsaniiru.

Pirezidaantiin mana maree walii galaa dhimmoota Islaamummaa Sheeh Hajjii Ibraahim Tufaa baatii ramadaanaa guddicha sababeeffachuun ibsa hawwii gaarii kennaniiru.

Soomanni ramadaanaa musliimonni hojii gaarii raawwachuun kan itti dabarsan yeroo soomanaati jedhaniiru.

Bu’uraalee Islaamummaa shan keessaa soomanni ramadaanaa tokko ta’uu eeranii, baatiin kun sirni amantaa kan itti raawwatamudha jedhaniiru.

Musliimota hundaan baga soomana ramadaanaa guddichaan isin gahe jechuun ergaa baga geessanii dabarsniiru.
 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015