Oromiyaatti bara kanaa bakkeewwan gahumsaa turistiif oolan misoomsuuf hojjetameen milkaa’inni hedduun argameera - ENA Afaan Oromoo
Oromiyaatti bara kanaa bakkeewwan gahumsaa turistiif oolan misoomsuuf hojjetameen milkaa’inni hedduun argameera
Gurndhala 9/2018 (ENA) - Naanno Oromiyaatti bara kana bakkewwaan gahumsaa tursitiif oolan misoomsuuf hojii hojjetameen milkaa’inni hedduun argamuu Biroon Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa beeksisee.
Biirichatti Daarektarri Misooma Sona Aadaa obbo Olaanaa Tashoomaa ENAtti akka himanitti; Naannichatti yeroo dheeraaf dameen turizimii xiyyeeffannoon osoo hin kennamiifiin turuu ibsaniiru.
Mootummaan naannichaa erga jijjiramaa asii xiyyeeffannoo addaan hojiiwwan bakka gahumsa turizimii adda baasuu, misoomsuu fi beeksisuurratti hojjeteen milkaa'inni guddaan argamuu himaniiru.
Keessattu waggoota lamaan darbaan godinaalee Oromiyaa hundatti sadarkaa jedhamuu danda'uun bakkeewwan hawata turizimii akka misooman hawaasni gaafataa ture akka inisheetiviitti qabatamee bu’uuraleen misoomaa akka guutanii fi misoomfamuu taasifamuu eeraniiru.
Kanneen keessaas Godina Buunnoo Beddelleetti kan argamu Fincaa'aa Daagaa Waaj, Goina Iluu Abbaa Booraa Fincaa’aa Soor, Magaalaa Naqamteetti kan argamu Haroo Sorgaa, Magaalaa Jimmaatti haroo booyyeerra, Shawaa bahaa Haroo qooqaa fi Basqaarratti, godina Harargee bahaatti hojiin dhagaa Baabbileerratti, godinni Baalee hojiin Paarkiiwwan gaarreen Baalee irratti hojjetamaa jiru akka fakkeenyaatti kan eeraman ta'uu ibsaniiru.
Hojiiwwan hojjetaman kanaanis bakkeewwan gahumsa tursitii baay'inaa fi qulqullinaan dabaluun danda'amuu qofaa osoo hin taane lammilee hedduufis carraa hojii uumuu himaniiru.
Akkasumas daawwattoota harkisuu fi tursiisuuf bu’uraalee misoomaa guutuun cinatti bakkeewwan kanatti haala aadaa nyaataa fi uffannataa, sirbaa fi kanneen biroo irratti bal’inaan hojjechuun naannichatti biyya keessaas ta’e alaa dhufanii Oromiyaa daawwatan dabalaa deemaa jira jechuun dubbataniiru.
Gama biraan naannichatti hojiin bakkeewwan gahumsa tursitii kanaan dura turan tursitiif mijataa gochuu fi bakkeewwan ikkoo turizimii qorannoon adda baasuu xiyyeffannoon hojjetamuu eeraniiru.
Akka naannichaatti bara kana iddoowwan gahumsa tursitii 372 adda baasuun misoomsuuf karoorfamee hojjetama jiraachuu eeraniiru.
Haala kanaan baatiwwan ja'an darbanitti bakkeewwan hawwata turistii 120 ol misoomanii tajaalila kennaa jiru jedhan.
Naannichaatti hojiiwwan iddoowwan ikoo turizimii adda baasuu hojjetameenis milkaa’innii argamuu eeranii keessaatti paarkiiwwan adda addaa haaraan akka hundeeffamuu fi kanneen kanaan dura hundaa'anii xiyyeeffannoo hin arganneef xiyyeeffannoon kennameefi bulchiinsi isaanii sirreeffamuu ibsaniiru.
Paarkiiwwan akka naannootti haaraa hundeeffaman keessaas Godina Gojiitti kan argamu Paarkii Baddaa Magaadaa fi Godina Iluu Abbaa Booraatti kan argamu Paarkii Yaayyoo kan eeramudha jedhaniiru.
Naannichatti bakkeewwan gahumsa tursitii baay'inaan dabaluun danda'ameera.
Gama biraan Mootummaan naannichaa Komishiinii Turizimii Oromiyaa akka hundaa’u taasisiisuun qabeenyi turzimii naannichaa dhaadhessaa cimaa akka argatu, qaqqabamummaa fi qulqullinii hojii beeksisaa Turizimii nannichaa akka dabaluu danda’uu taasisuus himaniiru.