Itiyoophiyaan Keessummootashee Kabajaan gaggeessaa jirti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan Keessummootashee Kabajaan gaggeessaa jirti
Guraandhala 9/2018(ENA)- Hoggantoonni yaa’ii hoggantoota GamtaaAfriikaa 39ffaa fi walga’iin Xaaliyaanii- Afriikaa 2ffaarratti hirmaatan turtii Itiyoophiyaa milkaa’inaan Xumuruun gara biyyasaaniitti deebi’aa jiru.
Kanaanis dura taa’aan Gamtaa Afrikaa yeroo ammaa Pirezidaantiin Burundii IIvariistee Nidayisiimiiyee, Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan sheek Mohaammed, Pirezidaantiin Namiibiyaa Doktar Netumboo Nandii Nidaayituwaa, pirezidaantiin Botiswaanaa DumaBoko bufata Xiyyaarraa Idil-Addunyaatti gaggeessaan kabajaa taassifameeraaf.
Akkasumas Itti Aanaan Pirezidaantii Gaambiyaa Mahaammad Jaalowu fi itti Aanaan Pirezidaantii Siisheelsi Sebasitiin Piiley buufata Xiyyaaraa Idil- Addunyaa booleetti gaggeessan kabajaa taasifameeraaf.
Deetaan Ministira dhimma Alaa Ambaasaaddar BiraanuuTsaggaayee Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Booleetti keessummoota gaggeessaniiru.