Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan Yaa’iin Gamtaa Afrikaa milkaa’inaan akka xumuramuuf gumaacha gooteef galata guddaatu isheef mala - Pireezdaanti Ivaaristee Nidaayishiimiiyee

Guraandhala  8/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan Yaa’iin Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa milkaa’inaan akka xumuramuuf gumaacha gooteef galata olaanaa kan qabdu ta’uu Dura Taa’aan Gamtichaa ammaa fi Pireezidaantiin Buruundii Ivaaristee Nidaayishiimiiyee ibsaniiru.

Yaa’iin Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan ajandaa isaa milkaa’inaan goolabuun har’a xumurameera.

Dura taa’aan Gamtichaa ammaa fi Pirezidaantiin Buruundii Ivaaristee Nidaayishiimiiyee haasaa cufiinsaa taasisaniin, biyyoonni miseensa ta’an yaa’icha milkeessuuf tattaaffii waloo taasisaniif galateeffataniiru.

Yaa’iin Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa qabxiileen ajandaa milkaa’inaan xumuramuu isaaniitiin ifatti akka cufamu labsuu ibsaniiru.

Dura taa’aan kun konfiraansichi milkaa’inaan akka xumuramuuf gumaacha Itiyoophiyaan taasiftee fi turtii bakka bu’ootaaf mijataa ta’eef dinqisiifannaa qaban ibsaniiru.

Itti dabaluunis Itiyoophiyaan magaalaa guddoo ardii keenya kan taate bareedduu magaalaa Finfinnee keessatti nu simachuu isheetiif galata guddaa akka qaban ibsaniiru.

Hoggantoonnii fi jilli isaanii nagaan gara biyyoota isaaniitti akka galanii fi hawwii guddaa qaban ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015