Yaa’iin Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan xumurame - ENA Afaan Oromoo
Yaa’iin Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan xumurame
Guraandhala 8/2018 (ENA) - Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 39ffaa Finfinneetti gaggeeffamaa ture xumurameera.
Yaa’ichi mata duree “Dhiyeessii fi Qulqullina Bishaanii Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galmaa Gahuu” jedhuun gaggeeffameera.
Hoggantoonni kunneen ajandaawwan Yaa’ii Idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa irratti mari’atan irratti mari’ataniiru.
Wabii fi qulqullina bishaanii, raawwii Ajandaa 2063 fi walitti hidhamiinsa ardiilee, misooma hawaasummaa fi dinagdee, misooma humna namaa, riifoormii dhaabbilee fi faayinaansii, tumsa naannoo fi ga’ee Afrikaan dirree addunyaa irratti qabdu keessaa ta’uu isaa ajandaawwan irratti marii’atame keessaati.
Yaa’iin idilee hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan Guyyoota lamaaf gaggeeffamaa ture murteewwan adda addaa raggaasisuun xumurameera.