Tamsaasa Kallatti:

Dhiheessii Bishaanii fi sirna qulqullinaa fulla’aa Afrikaa Mirkaneessuurratti xiyyeffachuu barbaachisa – Pirezidaantii Namiibiyaa

Guraandhala 8/2018(ENA)- Dhiheessii Bishaanii fi sirna qulqullinaa fulla’aa Afrikaa mirkaneessuurratti xiyyeffachuun akka barbaachisu Pirezidaantiin Namiibiyaa Doktar Netumboo Nandii Nidaayituwaa ibsan.

Yaa’iin Hoggantootaa Gamtaa Afriikaa 39ffaan teessoo muummee Gamtichaa Finfinneetti hara’as itti fufee gaggeeffamaa jira.

Yaa’ichi mata duree “Dhiheessii Bishaanii fulla’aa fi Sirna qulqullina nageenyisa eegame mirkaneessuu ta’uu ibsuun kunis milkaa’ina galma Ajandaa 2063f’’ jedhuun gaggeeffamaa jira.

Waltajjiin marii Invastimentiin Bishaanii Komishinii Gamtaa Afriikaa fi tumsa Afrikaa Kibbaan qophaa’e gaggeeffamaa jira.

Pirezidaantiin Namiibiyaa Doktar Netumboo Nandii Nidaayituwaan wayita kana

Dhiheessii bishaanii jijjiirama haala qilleensaa dandamatuu fi qulqullina fulla’aa Afrikaatti dhugoomsuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba jedhaniiru.

Sagantaan Invastimentiin misooma bishaanii Afrikaa fi karoora misooma Bishaanii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii jala jiru haala bu’aa qabeessa ta’een hojjetamuu akka qabu kaasaniiru.

Kanaafis kutannoo siyaasaa cimaa fi hanqinoota Invastimentii guutuuf qabeenya walitti qabuun sirriidha jedhaniiru.

Qulqullinni kabaja, fayyaa fi jireenya fooya’aa mirkaneessa kan jedhan Pirezidaantiin kun, Afrikaatti ammas tajaajila qulqullina bu’uuraa mirkaneessuurratti, hanqinoonni hedduun iraachuusaanii dubbataniiru.

Haalli kun yeroo dheeraa xiyyeeffannoo dhabee turuu dubbachuun amma garuu dhimma dursi kennamuuf ta’ee dhufuusaan sagantaawwan qulqulinaa fi Pirojektootarratti invasti gochuu akka qaban eeraniiru.

Lammiilee hundaaf dhiheessii bishaanii fi sirna qulqullinaa fulla’aa mirkaneessuun galma misoomaa fulla’aa milkeessuuf akkasumas kabaja hawaasa keenyaaf, fayyaa hawaasaa fi nageenyaaf tajaajila qulqullina murteessaa ta’an fooyyessuun akka barbaachisu kaasaniiru.

Namibiyaan Imaammata Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullinaa Biyyaalessaa karoorra qindaa’aa, hirmaannaa hawaasaa fi galmawwan biyyaalessaa bara 2030 bu’uureffate raggaasisuu ibsaniiru.

Namiibiyaan karoora qindaa’aa, hirmaanaa hawaasaa fi galma karooraa bara 2030 bu’uura kan godhatan Dhiyeessii Bishaanii fi imaammata Qulqullinaa Biyyaalessaa' mirkaneessuushee ibsaniiru.

Imaammanni kun eegumsa naannoo fi qabeenya bishaaniif itti fayadama bu’aa qabeessa xiyyeeffannoon addaa kan itti kennamudha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015