Tamsaasa Kallatti:

Caffeen Oromiyaa labsii dhaqqabamummaa tajaajila haqaa dabaluuf kan kaayyeffate muudama abbootii seeraa fi labsii raggaassise 

Guraandhala 8/2018 (ENA)- Caffeen Oromiyaa labsii dhaqqabamummaa tajaajila haqaa dabaluuf kan kaayyeffate muudama abbootii seeraa fi labsii walgahii idilee isaa irratti raggaasiseera.
Walgahiin idilee 10ffaa Caffee naannoo Oromiyaa marsaa 6ffaa waggaa 5ffaa ajandaawwan adda addaa irratti mari'achuu fi labsii adda addaa raggaasisuun xumurame.
Kana waliin Manni Maree Naannoo Oromiyaa labsii dhaqqabamummaa tajaajila haqaa dabaluuf kan kaayyeeffate muudama abbootii murtii aanaa raggaasisuun xumureera.

Hogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Guyyoo Waariyoo wixinee labsii kanarratti yaa’ichaaf ibsa kennaniin, labsiin dhaqqabamummaa haqaa dhugoomsuuf kaayyeffate ragga’uusaa ibsaniiru.

Tajaajilli seeraa bilisaa kun amantaa lammiileen sirna haqaa biyya isaanii irratti qaban guddisuuf, haqaa argachuuf bu’uura kaa’uu fi lammiileen sababa hanqina maallaqaatiin tajaajila kana akka hin dhabne gochuun kan kaayyeffate ta’uu eeraniiru.
Akkasumas labsiin kun lammiilee abukaatoo dhaabbachuuf humna hin qabne dabalatee dubartoota, daa’immanii fi maanguddoota fayyadamoo kan taasisu bu’uura seeraa fi hojmaata kan of keessatti hammate ta’uu himaniiru.

Mineensonni Caffee marii bal’aa erga taasisanii booda, labsiin tajaajila seeraa bilisaa lakkoofsa 264/2018 akka rakkaasifame ibsani hogganaan kuni.


 

Haaluma walfakkaatuun manni marichaa muudama abbootii murtii hojii raawwachiiftuu fi aanaa raggaasiseera.
Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa obbo Gaazaalii Abbaasimal abbootii murtii muudaman mana marichaaf wayita dhiyeessan akka ibsanitti, kenniinsa haqaa fi haqaa naannichaa sirreessuuf humna namaatiin damicha cimsuun murteessaa ta’uu dubbatani.
Hirmaannaa abbootii murtii dubartootaa dirree kanarratti cimsuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru eeruun, abbootii murtii aanaa 88 har’a Caffeen muudaman keessaa 26 abbootii murtii dubartoota ta’uu ibsaniiru.

Kana malees manni marichaa muudama Aadde Roozaa Biyyaan Hoggantuun Biiroo Dargaggootaa fi Ispoortii Oromiyaa taasisuun raggaasiseera.

Gama biraatiin Caffeen malaammaltummaan kan shakkaman obbo Gammachuu Dabalaa Gannatii irraa mirga himatamuu dhabuu kaasuun isaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015