Tamsaasa Kallatti:

Oolmaa Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afriikaa guyyaa lammataa

Yaa’iin hoggantoota gamtaa Afriikaa 39ffaan teessoo waajjira muummee Gamtichaa Finfinneetti gaggeefamaa jira.

Yaa’iin hoggantoota Gamtaa Afriikaa 39ffaan mata duree “Dhiheessii Bishaanii fulla’aa fi Sirna qulqullina nageenyisaa eegame mirkaneessuu milkaa’ina galma Ajandaa 2063f’’ jedhuun gaggeeffamaa jira.


 

Yaa’ichi kaleessaa eegalee har’as ajandaawwan adda addaarratti marii’achuusaa itti fufeera.

Mata duree mariin walqabatee dhiheessii bishaanii fulla’aa fi sirna qulqullinaa nageenyisaa eegame ,Guddina hirmaachisaa, hawaasa fayyaa qabeessaa fi haala teessumaa cimaa ijaaruu, itti fayyadama qabeenya uumamaa fulla’aa fi dhimmoonni haala jireenya lammiilee fooyyessuurratti mariin ni taasifama.

Gahee bishaanii fi qulqullinni galma Ajandaa 2063 milkeessuu keessatti qaban ni xiinxalama.

Yaa’ichi Ajandaawwan irratti mari’atu keessaa guddina Hawaasummaa fi Dinagdee, Misooma humna namaa, Riifoormii dhaabbilee fi faayinaansii, tumsa Riijinii fi qooda Afriikaan waltajjii Addunyaarratti qabduratti ni marii’ata.

Har’a sagantaan mata duree Gamtaa Afriikaa kan bara 2026 ifoomsuun ni raawwatama.

Qondaaltonni olaanoon Gamtichaa fi Hoggantoonni biyyoota Afriikaa saganticharratti ni argamu.

Waltajjiin guddaan hoggantoonni biyyoota Afriikaa irratti argaman Invastimantii Bishaanii fi Faayinaansii Afriikaa irratti xiyyeeffatu ni gaggeeffama.

Koreen hoggantoota olaanoo Gamtaa Afriikaa haala Suudaan Kibbaa irra jirtu irratti ni mari’ata.

Walga’iin ministirootaa Biyyoota Afriikaa miseensa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata mootummoota Gamtoomanii ta’an (A3) ni gaggeeffama.

Biyyoonni Somaaliyaa, Rippabiliika Dimokiraatawaa Koongoo fi Laayibeeriyaan miseensota Afriikaa mana marichaati.

Sirna fooyyessa Fayyaa Addunyaarraa irratti tumsi addunyaa maal fakkaachuu akka qabu kan mari’atu yaa’iin ni gaggeeffama.

Komishinarri dhimmoota siyaasaa, nageenyaa fi tasgabbii Gamtaa Afriikaa Ambaasaaddar Baankolee Andooyee haala nageenya fi tasgabbii ardittii irratti ibsa ni kennu.

Marii kana cinaatti taateewwan adda addaa sagantaa guyyaa har’aa keessaa tokkodha.

Dhaabbileen Gamtaa Afriikaa adda addaa fi gurmaa’insoonni haala hojiisaniirratii ibsa kan kennan yoo ta’u, dhimmoota Ardiirratti mariiwwan gara garaa ni taasifama.

Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afriikaa 39ffaan murteewwan adda addaa dabarsuun har’a ni xumurama jedhamee eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015