Itiyoophiyaan biyyoota addunyaarraa guddina ariifataa galmeessisaa jiran keessaa ishee tokkodha-Jeefrii Saaksi - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan biyyoota addunyaarraa guddina ariifataa galmeessisaa jiran keessaa ishee tokkodha-Jeefrii Saaksi
Guraandhala 8/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan biyyoota addunyaarraa guddina ariifataa galmeessisaa jiran keessaa tokko ta’uushee mootummoota gamtoomaniitti pirezidaantiin qidoomina furmaata misooma fulla’aa piroofeesar Jeefrii Saaksi ibsan.
Piroofeesar Jeefrii Saaksi turtii ENA waliin taasisaniin, guddina Itiyoophiyaa sirriitti hubachuuf jiijjiiramoota dinagdee magaalaa Finfinnee fi kutaalee biyyatti garagaraatti mul’atan ilaaluun gahaa ta’uu eeraniiru.
Yaa’ii gamtaa Afriikaarratti hirmaachuuf waggaa waggaan Finfinnee yeroo dhufan guddinni misoomaa olaanaa taajjabuusaanii eeraniiru.
Ijaarsa madda anniisaa elektiriikii, hojiilee dijitaalaayizii, bu’ura daandii, Invastimantii kallattii alaa hawachuun dabaluu fakkeenya kaasaniiru.
Kanaaf ammoo riifoormiin dinagdee gooroo gumaacha taasisuu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan anniisaa aduu, qilleensaa fi ji’ootarmaalii akka qabduu fi kanas fayyadamaa akka jirtu dubbataniiru.
Qonnaan bultoonni baadiyyaa jiraatan humna haaromfamaatti fayyadamaa jiraachuu ijaan arguusaanii ibsaniiru.
Kunis oomisha qonnaan bulaa guddisuun jireenyasaa fooyyessaa akka jiru dubbatan.
Bu’aan Itiyoophiyaan damee qonnaan galmeessisaa jirtu, keessumaa milkaa’inni misooma Qamadiin argame biyyittiin of danda’uurra darbitee kanneen biroof gahuu akka dandeessu agarsiiftuu ta’uu ibsaniiru.
Jijjiirraa daldala Ardii fi pirojektoota gurguddoo milkeessuuf biyyoonni daandii, baaburaa fi hojiin anniisaa maddisiisuu walitti hidhamanii hojjetamuu akka qaban gorsaniiru.