Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Botiswaanaa Duumaa Bokon waliin mari’atan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Botiswaanaa Duumaa Bokon waliin mari’atan
Guraandhala 7/2018 (ENA)- Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Botiswaanaa Duumaa Bokon waliin dhimmoota gam-lamee fi riijiniirratti mari’ataniiru.
Ministirri muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarsaniin, Pirezidaantii Botiswaanaa Duumaa Bokon waliin wal argee, dhimmoota gam-lamee fi riijinii, carraalee tumsa dinagdee fooyya’aaf jiran dhaloota fuuldura Afriikaa hogganu ga’oomsuurratti dhimmoota waliin hojjechuu dandeenyurratti mari’anneerra jedhaniiru.