Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan  Ulaa galaanaa  qabaachuunshee tasgabbii fulla’aa fi badhaadhina riijinichaaf murteessaadha 

Guraandhala 7/2018(ENA)- Itiyoophiyaan  Ulaa galaanaa  qabaachuunshee tasgabbii fulla’aa fi badhaadhina riijinichaa mirkaneessuuf dhimma bu’uraa ta’uu ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan.

Itiyoophiyaan  Afrikaa Addunyaa waliin walquunnamsiisaa jirtu Abbaa ulaa galaanaa Amansiisaa  ta’uunshee guddina ittifufiinsa qabu, Tasgabbii riijinichaa fi badhaadhina mirkaneessuuf dhimma bu’uuraa ta’uu  Ministeerri Muummee Doktar  Abiyyi  Ahimad  ibsan.

Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afriikaa 39ffaan Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi  Ahimad haasaa baninsa waltajjichaarratti taasisaniin, Itiyoophiyaan daandii qilleensaan walitti hidhaminsa Ardii fi Idil- Addunyaa  cimsaa jiraachuushee ibsaniiru.

Kanaanis uummata walitti fidaa, gabaa walitti hidhaa  akkasumas  geejiba shaqaxaa saffisiisaa jirra jedhaniiru.

Imala kana itti fufsiisuuf  Itiyoophiyaan Afrikaan gatii idil-Addunyaa  keessatti  bakka  guddaa akka  qabaattu kan taasisuu fi buufata xiyyaaraa isa guddaa ta’ee  ijaaraa jiraachuu ibsaniiru.

Buufanni xiyyaaraa guddaan kun  dhaloota dhufuuf balbala seensaa akka  ta’u   dubbataniiru.

Qooda gama Aviyeeshiniin qabduun alattis, gama Itiyoo telekoomiin tumsa ardii tarsiimawaa cimsuun guutuu Afriikaatti waliin gahiinsa dijitaalaa babal’isaa akka jiru kaasaniiru.

Haa ta’u malee, walitti hidhamiinsi guutuu ta’uu qaba kan jedhan ministirri muummee, ummata miil. 130 kan qabdu Itiyoophiyaan guddina egeree mirkaneessuuf waliin gahiinsa filannoo garagaraa ishee barbaachisa jedhaniiru.

Kanaaf ammoo qajeeltoo tumsa karaa nagaa jedhuun Ulaa galaanaa akka qabaattu gochuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015