Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Pireezidaantii Baankii Misooma Afrikaa waliin mari'atan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Pireezidaantii Baankii Misooma Afrikaa waliin mari'atan
Guraandhala 7/2018 (ENA)- Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Pireezidaantii Baankii Misooma Afrikaa Doktar Siidii Uluudi waliin mari’ataniiru.
Ministirri Muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti dabarsaniin, wayita yaa’ii biyyoota garee 20(G20) irratti Pirezidaantii Baankii Misooma Afrikaa Doktar Siidii Uluud waliin marii taasifne hordofee kan itti fufedha jedhani.
Mariin keenya guddina hunda hammate, faayinaansii misoomaa fi invastimantii tarsiimoo guutuu Afrikaatti deeggaruu irratti kan xiyyeeffate ta’uu marii’anneerra jedhaniiru.