Afrikaatti bishaan dhugaatii Qulqulluu fi sirna eegumsa qulqullinaa mirkaneessuuf hojmaata qindaa’aa cimsuu barbaachisa– Pirezidaantii Angoolaa Zyo’aawoo Loorenzoo - ENA Afaan Oromoo
Afrikaatti bishaan dhugaatii Qulqulluu fi sirna eegumsa qulqullinaa mirkaneessuuf hojmaata qindaa’aa cimsuu barbaachisa– Pirezidaantii Angoolaa Zyo’aawoo Loorenzoo
Guraandhala 7/2018(ENA)- Afrikaatti bishaan dhugaatii Qulqulluu fi sirna eegumsa qulqullinaa mirkaneessuuf hoj-maata qindaa’aa cimsuun akka barbaachisu Pirezidaantii Angoolaa Zyo’aawoo Loorenzoo ibsaniiru.
Yaa’ichi hoggantoota Gamtaa Afriikaa 3ffaan mata duree “Dhiheessii Bishaanii fulla’aa fi Sirna qulqullina nageenyisa eegame mirkaneessuu milkaa’ina galma Ajandaa 2063f’’jedhuun har’a Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Wayita sana Buruundiin durataa’ummaa Gamtaa Afriikaa bara 2026 Angoolaarraa Ifatti fudhatteetti.
Pirezidaantiin Angoolaa dura taa’aan gamtaa Afrikaa duraanii Zyo’aawoo Loorenzoo Aangoo yeroo dabarsan haasaa taasisaniin Afrikaan A.L.A. bara 2026tti galma guddaa kaa’un hojiitti galuu ibsaniiru.
Kanaanis Dhiheessii Bishaanii fulla’aa fi Sirna qulqullina nageenyisaa eegame mirkaneessuu ta’uu ibsuun, kunis milkaa’ina galma Ajandaa 2063f ’’murteessaa ta’uu beeksisaniiru.
Pirezidaantichi Bishaan dhugaatii qulqulluu fi sirna qulqullinaa argachuun dirqama ta’uu ibsuun, kun immoo mootummoota qofaan osoo hin taane carraaqqii qindaa’aa kaampaanotaa fi Waldaa Siivikii akka gaafatu cimsanii dubbataniiru.
Pirezidaantiin Buruundii Eevaristee Nidaayiimiye Durataa’aa Gamtichaa haaraa ta’anii filatamuun isaanii, Ardichi dandeettii murtoo kennuu fi ogummaa isaaniirratti amantii qabu kan agarsiisudha jedhaniiru.
Durataa’aan haaraan kun Afrikaa duubatti hafummaa keessaa baasuu fi sagantaawwan qabaman sirnaan hojiirra hoolchuuf itti gaafatamummaa guddaan akka isaan eeggatu eeraniiru.
Pirezidaanti Looreenzi bara hojiisaaniitti waliin hojjechaa kan turan Dura taa’aa komishinii Gamtaa Afriikaa, Ogeesota teeknikaa fi garee hundaa galateeffataniiru.
Afrikaa gara badhaadhina caalutti ceesisuuf hojiiwwan eegalaman cimanii akka ittifufanii fi biyyoonni miseensa hundi milkaa’ina dura taa’aa gamtichaa haaraa aangoo fudhateef deeggarsa barbaachisaa akka tassisan waamicha dhiheessaniiru.